Tigraay Keessa Kan Jiru Uummati DaawHaan Walii Galtee Aljers Hin Fudhannu Jedhan

  • VOA

Zoonii Tigraay gama bahaa aanaa Iiroob keessa kan jiru uummat magaalaa Daaw-Haan walii galteen Aljers hojii irra akka ooluuf murtii darbe mull’inatti mormii jira.

Hiriira mormii kan ba’e uummati magaalattii murtiin kun hojii irra oollaan uummata Iiroob balaaf kan saaxilu dta’uu dubbatan.

Murtiin sun kan haqaa miti kan jedhe uummatichi nageenyi murtii haqaa hin qabaanne jiraachuu hin danda’u jedhan.

Ibsi adda bilisummaa uummata Tigraay biraa ba’eef amma nu dhaqqabe murtii uummati hin amanne hojii irra hin oolu jechuu isaa beeksisee jira.