U.S. Akkuma Addaan-qoodaminsa Siyaasaan Muddamtetti,Cehumsa Aangoo Mootummaatti Deemaa Jirti

  • VOA

Security surrounds the U.S. Capitol in Washington, Friday, Jan. 15, 2021, ahead of the inauguration of President-elect Joe Biden and Vice President-elect Kamala Harris. (AP Photo/Susan Walsh)

Your browser doesn’t support HTML5

Muddamsuu siyaasaa Amerikaa

Yaadi uummataa dhaabbata oduu CBS fi ka YouGov jedhamuun walitti qabame haaraan akka agarsiisetti miseensonni Paartii Ripuublikaanii dhibba irraa harka 21 tahan, hookkara torban dabre deggertoota Prezidaant Traampiin waajira Mana-maree Yunaayitid Isteetis irratti geggeessamee fi lubbuun namaa keessatti dhabame ni deggeran.

Lakkoobsa kanaa ol kanneen tahan immoo, ba’iin filannoo biyyattii Sadaasa dabre geggeessamee hatameera, jedhanii amanu.

Yeroo biyyattii keessatti torban dhufu aangoon mootummaa gara nama haarawa prezidaantummaaf filatameetti cehuuf jiru kanatti biyyattii keessa addaan qoqqoodamuu fi aarii tu jira.