U.S fi UN tarkaanfii mootummaa Itiyoophiyaa simataniiru

  • VOA

FAAYILII - Manni maree bakka bu’ootaa mootummaa Itiyoophiyaa

Manni maree bakka bu’ootaa mootummaa Itiyoophiyaa Labsii yeroo muddamaa kaasuun isaa tarkaanfii gaarii akka ta’e Mootummaan yunaayitid isteets fi dhaabbanii mootummoota gamtoomanii ibsaa kennaniin beekisaniiru.

Dubii himaan Ministrii dhimma alaa Yunaatitid Isteets Need Praayis Ibsaa bareefamaan basaniin, murtiin labsicha kaasuu walti bu’insaa adeemaa jiruuf fala karaa nagaa barbaachuudhaaf mootummaa Itiyoophiyaatiin tarkaanfii bu’aqabeessa fudhatameedha jedhaniiru.

Itti dabaluudhaanis sababa labsii kanaatin namoottan ittuu himannaan irraatti hin dhihaatin too’annoo jala jiran gad lakifamanii mariin hunda hirmaachisaadhaaf firii qabeessa ta’e akka taasifamuu kan gaafatee ibsii Yunaayitid isteets kun, haalii diinummaan wal ilaaluu akka dhaabbatu, gargaarsii namoomaa daanqaa malee akka itti fufu, sarbiinsii mirgaa namoomaa irratti raawwataman ifatti akka qoratamanuu fi wal dhabiinsaa mariidhaan hikuudhaaf waliigaltee irra akka gahamuu gaafateera.

Karaa biraatiin, Dubii himaann dhaabbata mootummoota gamtoomanii Istiifan Duhaariich, waa’ee labisiin yeroo muddamaa Itiyoophiyaa ka’uu isaa gafatamanii, dhaabbatiichii tarkaanfii mootummaan Itiyoophiyaa fudhate simachuu isaa himaniiru. akkasumas hidhamtoonii akka hikaman,waltii bu’iinsii akka dhaabatu, itti fufiinsa gargaarsaa manoomaa fi itti gaafatamummaa ilaachisee barreesaa muummee bakka bu’uudhaan kan gaafatan Istifan Duhaariich gaafii mootummaa Yunaayitid Isteetiin wal fakkaatuu dhiheesaniiru.

Ka’umsaa labsii yeroo muddamaa kan ilaalchisee Komishiiniin mirga namoomaa Itioyoophiyaa ibsa baaseen, labsichii haqamuun isaa waan gaarii akka ta’e ibsee, namoottan sababa labsii kanaatiin hidhaman hunduu akka gad lakisaman, wareen Kanaan duraa mana hidhaatii bahanis Xalaayaan yakka irraa bilisa ta’uu isaanii ibsu waan hin kennamneef ojii isaaniitti deebi’uu akka hin dandeenye himee mootummaan namoottan kana akka ojii isaaniitti deebsu gaafateera.