Uggurri Yunaaytid Isteets Iraan Irra Keechu Giddu-galeessa Bahaa Jeeqa: Ministarri dhimma-alaa Faransaay

  • VOA

Ministarri dhimma-alaa Faransaay, Jean Ivees Le Drian, yoo Yunaayitid Isteets, Iraan irra uggura cimaa keesse, Giddu-galeessa Bahaa keessatti daran jeeqama uuma, jechuun har’a dubbatan.

Ministarri Dhimma-alaa Yunaayitid Isteets, Maayik Poompihoo, yoo Iraan amala ishee hin jijjiirre dhiibbaan maallaqaa hin eegamiin akka ishee mudatu jalqaba torban kanaa irra akeekkachiisanii turan. Walii-galtee dhimma Niyuukilaraa Iraan ilaalchisees wanna Iraan irree eegan qabxiilee 12 tarreessanii jiran – Ministarichi Dhimma-alaa Yunaayitid Isteets.

Giti isaanii kan Faransaay – Lee Drian ammoo, uggurawwan haaraa Iraan irra kaa’uun, marii nageenyaa jajjabeessuu irra aagawoota Iraan yaada ofiitti cichan cimsuudhaan Prezidaant Hasan Ruhaanii jajjabeessa, jedhan.

“Kun naannoo sanas balaa irra buusuu mala” jechuun akeekkachiisan.