Itiyoopiyaan galmee mirga namaa hin fooyyeffanne Kootaa Afiikaa Guutuuf filatamte

Ityoopiaan miseensa kawnsilii mirga namaa kan tokkummaa mootummootaa taatee filatamuun, milkaa’ina dinagdee fi hawaasummaa akkasumas hundeeffama kaunslichaa keessatti qooda isheen qabaatte waliin kan wal qabate ta’uu komiishinerri komiishina mirga namaa Itiyoopiyaa Ambasador Xiruneh Zeenaa gaaffii ibsanii jiran.

Kan biyyoonni miseensa ta’an wal filachuun geggeesan kounslii miga namaa kanaaf Itiyoopiyaan miseensa kan taateef biyyoonni kun galmee ishee erga gamaaggamanii booda waan raggaasisaniifi jedhan ambasadder Xirunehn.

Gama kaaniin immoo liigiin mirga namoomaa kan Gaanfa Afriikaa miseensummaa Itiyoopiyaa kana mormuu dhaan ibsa mata dureen isaa warreen mirga namaa dhiitan mirga namaa eeguu hin danda’an mata duree jedhuun ibsa baasee jira.

Dhiittaan mirga namaa biyya keessatti hammaate kana miseensa godhee fudhachuun Kaunsilichaa galmee mirga namaa gaarii waan qabaatteef utuu hin ta’in, kootaa Afriikaan qabdu guutuu qofaaf jechuu dhaan dura taa’aan liigichaa obbo Gaaromaa Waaqasaa nuuf ibsaniiru.

Your browser doesn’t support HTML5

Gabaasa guutuu dhaggeeffahdaa