Prezidaant Obaamaa fi Hoogganaan Raashiyaa dhimmootii Falmisiisoo irratti mari'atan
VOA
Prezidaant Obamaa fi Hoogganaa Raashiyaa Vilaadimir Putin
WASHINGTON DC —
Prezidaantiin United States Baaraak Obaamaa fi hoogganaan Raashiyaa Vladimir Putin yaada isaanii faallaa walii kan walitti bu'iinsa Siiriyaa fi Ukraine keessaa ibsuuf jecha kaleessa waltajjii addunyaatti gargaaraman.
Dhimmootiin lamaan haasaa hoogganoonni kun yeroo gumii sanaatti geggeessan dhuunfate. Hoogganoonni kun waggoota lamaa ol keessatti yeroo jalqabaaf marii sirnaa akkasii yeroo geggeessan kun isa jalqabaa ti.