UNHCR Baqattootaa Eertiraa wajjin wal arguu isaa ibsame

  • VOA

Faayilii - Ijoollee mooraa baqattoota Eertiraa Adii Haruush Maayi Seberii duratti tabatan, Tigraay, Waxabajjii 26, 2021

Dhaabannii Mootummoota gamtoomanii dhimmaa baqattootaa irratiti hojjatu UNHCR baqattootaa Eertiraa mooraa Maay Ayinii fi Addi Haruush keessaa jiran argachuu isaa dubbi himtuun dhaabichaa kan naannoo gaanfa Afrikaa Faathii Kasiinaa himaniiru.

Duubii himtuttin akka dabalanii jedhaniti, Tigraay keessaa ammayyuu balaawal waraansaa waan jiraniif baqattootaa Tigraay keessaa baasanii naannoo Amaaraa keessaa qubachiisuudhaaf mootummaa gafatanii bakka Daabat Jedhamutii laftii keennameeraaf.

Akka gabaasiini duraanii muldhisutti moorawwan baqattootaa 4 keessa baqattoonii turan 96,000 keessaa Shimalbaa fi Hitsaat kan jedhaman sababa wal waraansaatiin erga dabamanii boodaa mooralee Maay Ayiinii fi Adii Harush keessatii baqattoonii hafan 23,000 akka ta’e gabasameera.

Magaalaa Finffinnee keessa yeroo amma baqattoonii 831 galmaahuu isaanii kan ibsani Faatii Kasinaa yeroo ammaa naannowan Affarii fi amaaraa keessatii nageenya baqattootaaf UNHCR mootummaa irratii akka abdii kaa’ee himaniiru.