UNHCR:Baqataa Itoophiyaa 8tti Mozaambiki keessatti Dhumate

  • VOA

Dhaabni baqatootaa kan Tokkummaa Mootummootaa (UNHCR) akka jedhutti, lammiwwan Itoophiyaa ka konkolaataa fahiisaatti waltti guuramanii Afrikaa Kibbaatti yaahutti jiran jidduutti 8 dhuamte.Jari kun Gurrandhalaa 2 bara 2011tti qilleensa dhabuun ukkaamamnii du'an.



Konkolaataa jari kun itti fahame gomboo ykn koonteenara keessatti ture. Lammiwwan Itoophiyaa du'an kun akka jecha Tokkummaa Mootummootaatti dargaggoo 26n Afrikaa Kibbaatti galuuf yaahan keessaa ta'uus ibsee jira.