US deemsa filannoo Itoophiyaa namiii cuftii qooda keessaa qabaachuu male jette gargaarfuu doolara miliyoona 30 caalaa kennuuf

  • VOA

USAID - ETHIOPIA

Itoophiyaatti itti gaafatamaan Dhaaba Amerikaan biyya alaatiing argaartu,USAID Sean Jones fi itti gaafatamtuun boordii filannoo Itoophiyaa Birtukan Midekssa deemas filannoo Itoophiyaa wayyeessuuf hardha walii galanii waliin mallatteessan.

Akka kanaan US Itoophiyaa teknooloojiin gargaartee akka media Itoophiyaalleen filannoo irratti ummata karuma dhugaatii wa barsiisu akka ummatilleen filannoo keessaa qooda qabaatu waliin hojjatan.

Keessattu akka haawwaniifi ijoolleen durbaraa,kahimaalleen tanatti qooda qabaatan waan hedduun gargaaran.

USAID fi warrii waliin hojjatu akka dhaabbilee hawaasummaa fi siyaasaalleen akka ummatii Itoophiyaa filannoo keessaa qooda guddaa qabaatan tolchuuf waliin hojjatan.

“Filannoon tun ta ummata Itoophiyaati.Akka filannoon tun filannoo dhugaatii fi qajeeltuu taatu tolchabnii akka namii cuftii qoda keessaa qabaatu feena jedha Itoophiyaatti itti guddaan,USAID, Sean.

Akka deemsii filannoolleen qajeelaa tahu waliin hojajchuu wal dhaqan.