Vaayrasiin Koronaa Haga Yaadamee Ture Afrikaa Hin Miine: Hayyoota

  • VOA

Namoota qorannoof dabaree eeggatan, Afrikaa Kibbaa

Yeroo lakkoobsi namoota dhukkuba Koviid 19iin qabamanii Yunaayitid Isteetis keessatti baay’ee dabalaa jirutti kan silaa vaayirasichaan hedduu miidhamti jedhamee tilmaamame ardii Afrikaa keessatti hangi lakkobsii dhukkubsattootaa achitti dabale xiqqaa dha.

Miseensa gurmuu hojii dhimma Vaayirasii Koronaa ka Waayit Hawus Dr. Antoonii Faawuchii fi Daarektara Waaltaa To’annoo fi Ittisa Dhukkubootaa kan Afrikaa Dr. Joon Keengaasong dabalee ogeeyyiin eegumsa fayyaa dhukkuba daddabraa kana irraa nannoolee addunyaa adda addaa maal akka barate mari’achuuf jecha karaa tekinooloojii marsaa interneetii torban kana keessa walga’aa jiran.

Gabaasaa Aniitaa Paawol Johaanisberg irraa ergitee caqasaa.

Your browser doesn’t support HTML5

Vaayrasiin Koronaa Haga Yaadamee Ture Afrikaa Hin Miine: Hayyoota