VOA Afaan Oromoo Adoolessa 15, 1996 ganna, 20n dura guyyaa hardhaa hujii jalqabde

Your browser doesn’t support HTML5

Adoolessa 15,1996 gaafa dhaloota VOA Afaan Oromoo

VOA,sabqunnamtii mootummaan Amerikaa afaan 45n oduu,TV,Raadonii fi Interneetii irratti fi odeeffannoo jirtu addunyaatiin himu.

Bara waraana Addunyaa Lammeessoo bara 1942 keessaa hujii jalqabde.Waajjisa isii ta durii New York achii Waashington DC keessatti godaane waajjirii.

Afaan VOAn oduun dabarsitu keessaa tokkoo Afaan Oromooti.Afaan Afrikaa keessaa Afaan Amaaraa,Afaam Tigree,Afaan Tigrinyaa, Siwaahilii, Hawusaa, Farnasaay,Keenyaa-Riwaandaa,Faransaay,Ingiliishi,Somaalee fa.

Walumattuu VOA addunyaa keessaa afaan afaan 45n oduu dabarsti.Warraa gaafa VOA Afaan bara 1996 keessaa banan hujiin jalqabe keessaa tokko gaazexeessituu Tizzitaa Balaachooti.

Mootummaan Amerikaa Oromoon saba guddaa tahuu isaa beekee sagantaa kenneef jette.

“Watnii nama rakkisaa baayyeettuu ture…garuu garuu xiiqiidhaan jalqmane afaan kana.Namoonnii morman waan jiraniif.Maalii gaa afaan kana addunyaa irratti dhageessisuun maalif nama gara biraa quuqa ka jedhu baayee na dhibe turee xiiqiidhaan jalqamnee afaan kana garuu bal’atee asi gaheera.”

VOA Broadcasting Board of Governors, Bulchiinsa Boordii Tamsaasaatti bulchaa mootummaa Amerikaatti horiin gargaara.