Walittibu’iinsa Naannoo Raayaa Alaamaaxaa Jiru Ilaalchisee Mootummaan Fedeeraalaa Hubachiisa Kenne

  • VOA

Gaaffiin abbummaa kan irratti ka’aa jiru naannoo daangaa Amaaraa fi Tigraay irra haallii yeroo ammaa jiru gam lameen waliigaltee tolfame kan Pritooriyaaf akka bulan akkasumas hojii tuttuqqaa irra akka of-quusatan mootummaan Feedeeraalaa hubachisee jira.

Gamnii hunduu walitti bu’iinsa darbee irraa barnoota argachuu akka qaban sadarkaa itti aanaa mummicha ministeeraatti gidduugala waltaasiisa ijaarsa sirna Deemookraasii akkasumas itti aanaa paartii badhaadhinaa kan ta’an Obbo Adam Faaraah Teeleeviziyoona biyyattiif ibsanii jiru.

Torban kana keessa naannoo Raayyaa Alaamaaxaatti walitti dhukaasuu gaggeeffame sana booda gandeen baayyeen hidhattoota Tigraay keessaa dhufaniin qabamuu isaan hordoofee Obbo Adam Faaraah ibsa kana kennan.

Naannoo mootummaan Feedeeraalaa wal falmisiioo jechuun waamuu kanneen daangaa bulchiinsa naanoo Tigraayii fi kan Amaaraa irratti argaman ilaalchisee gaaffiin abbummaa ka’u seeraa fi karaa nagaa akka furamuuf waliigaltee irra ga’amuus ibsan.

Dhimma kana irratti yaada isaanii akka kennan kan gaafataman eenummaa Amaara Raayyaa walloo fi walitti qabaa koree deebisiiftuu daangaa kan ta’an Obbo Haayluu Abarraa hiree murteeffannoo uummataa isa jedhu akka simatanii akkasumas haallii naannoon hundumaaf mijataa ta’e akka uumamuuf fedhii kan qaban ta’u ibsan.

Izeemaan kamiisa kaleessaa ibsa baaseen rakkoon nageenyaa anaannoo aanaa Raayaa Alaamaaxaa kun Beekkamtiin isaa bordii filannoo biyyooleessaan kan irraa haqamee fi hidhannoo hin hikkatiin jira kan ittiin jedhe Addi Bilisummaa Uuummata Tigraay ABUT) weerara marsaa 4ffaa gaggeesseen kan uumameedha jechuun himannaa dhiyeesse.

Kana ilaalchisee bulchiinsa yeroo kan Tigraay irraa deebii argachuuf yaaliin irra deddeebiin taasiifamee hin milkoofne jechuun Muluugeetaa Atsebaha Maqalee irraa gabaasee jira.