Waraanii Amerikaa itti gaafatamtoota ISIS olaanoo lama fixe

Xuyyuura USA gaada deemu(Drone)

Jara waraanii Amerikaa fixe keessaa tokko itti aanaa itti gaafatamaa ISIS Abd ar-Rahman Mustafa al-Qaduli kalee ijjeesan.

Abd ar-Rahman Mustafa al-Qaduli

​Ministerii Ittisa Waraana USA,Ash Carter itti aanaa itti gaafatamaan kun eessatti akka ijjeefame diidessinee hin dubbanne.

Taatullee odeeffannoon jirtu namii kun Siiriyaa keessatti ijjeefamuu hin oolu jetti.

Namii dhibiin ijjeesan akka jecha Karteritti ministera faaynaasii ISIS,Hajji Iman,minsitera maallaqa ISIS tahee hojjachaa bahe.

Namii dhibiin ijjeesan Siiriyaatti itti gaafatamaa ISIS Omar al-Shishaniti.Isa ammoo jalqaba Bitootessaa amma keessa jiru kana waraanii Amerikaa Siiriyaa keessatti ijjeese.

Kaabinee ISIS walumaan fixuutti jirraa jedha ministerii ittisa waranaa USA kun. Imaaniin kun nama miseensa ISIS biyya alaa jiranii horii baasu.

ISIS mlishoota Islaamummaa Siiriyaa,Iraaqii fi biyya hedduu seera Shariyaa jabaa jedhanbiin bulchuuf loluutit jirtu