KOOVIID-19 Itiyoophiyaa Keessatti Hammaataa Jira

  • VOA

Ministrii eegumsa fayyaa Itiyoopiyaa

Weerarrii dhukkuba KOOVIID-19 marsaa 3ffaan Itiyoophiyaa keeessatti ka’aa akka jiru mallattoon agarsiisan jiru jechuun Inistitutiin fayyaa hawaasaa kan biyyatti beeksisee jira.

Vaayrasiin bifa jijjirratee kan Deeltaa jedhamu Itiyoophiyaa keessa jiraa fi jiraachu dhaba isaa dhiyeenyatti mirkaneessina jedhe jira.Lammiwwan Itiyoophiyaa Miliyoona 22 ta’aniif baatilee dhufan 6 keessatti tallaalii farra KOOVIID-19 waliin ga’uuf hojjatamaa kan jru ta’uun ibsamee jira.

Baatilee darban 6 as kenneen dhukkuba KOVIID-19 qabaman lakkobsaan gad bu’uun dagannaa hordoofsiseen lakkoobsii namaoota dhukkuba Kanaan qabamanii dabaluuf sababaa tokko ta’e .Dhukkubicha to’achuuf qajeelfamnii ba’an cabuu, dhaabattonni dhukkubicha to’achuuf ykn ittisuuf yaaliin taasiisan gad bu’uun sababaalee ka biroo dhukkubicha hammeessan ta’uun ibsamee jira.

Walgahii, ayyaaneeffannaa adda addaa, dorgommii Isportii biyyatti keessatti gaggeeffaman hanga dhukkubichi kan hin jirre fakkaatuutti gaggeeffamuun sababaalee maqaa dhahaman keessatti.