Dhukkuboota Beekamoo Afrikaa Keessaa

  • VOA
Lakkobsii namoota dhukkuba Sombaan qabaman bara 2011 gad cabuu isaa jaarmayaan fayyaa addunyaa gabaasee jira. Garu lakkofsii namoota dhukkuba kanaan du’aa jiranii isa duraan ture wajjin wal fakkataa ta’uu hubachise.

Dhukkuba Sombaa ittisuuf akkasumas kanneen dhukkuba kanaan qabaman wal’ananii kunuunsuuf carraaqqii hawaasni addunyaa godhe lubbuu nama miliyoona 20 du’a irraa oolchuu danda’ee jira.Lakkofsi namoota dhukkuba Sombaan du’anii isa bara 1990 ture irra harka 40..n gad cabe.

Garuu erga dhiyeenya kanaa as lakkofsi kun gad cabuu hin dandeenye kan jedhu jaaramayaan fayyaa addunyaa kun immoo daraan dhukkubi kun akka faca’u karaa saaqe jedhe.

Gama biraan baatilee dhufan 3 keessatti dargaggonni fi shamarran biyyoota Afrikaa 7 keessa jiraatan talaalii farra dhukkuba morma gogsaa ykn meniinjaaytis jedhamu argachuuf jiru. Dhukkuba kana dhabamsiisuuf kan gargaaru Talaaliin marsaa duraa waggaa 2 dura jechuun bara 2010 Burkinafaasoo keessatti kenname.

Uummata miliyoona 12 ta’uutu talaalii kana argate. Angowonni tajaajila eegumsa fayyaa akka jedhanti duula kana booda dhukkubi kun Burkinaafaasoo keessatti argamuun isaa hin gabaasamin jira.

Dullii talaalii inni marsaa ammaa baatii Onkololeessaa kaasee hamma baatii Muddeetti kan turu yoo ta’u kunis Beniin, Kameroon, Chaad, Gaanaa, Naayjeriyaa,Senegaal fi Suudaan keessatti kan kennamu ta’uun ibsameera.

Your browser doesn’t support HTML5

Gabaasa Guutuu Armaa Gaditti Dhaggeffadhaa