WikiLeaks Iccitii Mootummaa Amerikaa Saaxile

  • VOA

Marsaan interneetii "Wikileaks" jedhamu galmee iccitii mootummaan America qabuuf miliqee ba’e argatee oduu isaa facaasuun mootummaa Americaa fi hoogganoota naannoo addunyaa akkasumas uummata rifaasisee jira.


Akka galmeen kun hin saaxilamne Mootummaa Yunaayitid Isteets irraa akeekkachiisni WikiLeaks-tti kennamus tole hin jedhin hafuudhaan oduu isaa dubbistootaaf facaase. Gaazexaaleen Amerikaa kan akka New York Times fi gaazexaaleen Awurooppaas oduu kana bal’inaan fudhatanii gad ba'an.

Galmeen iccitii Dippiloomaasii ka mootummaa Yunaayitid Isteets kun addunyaaf ifa ta’uun nam tokko ykn biyya tokko qofa utuu hin taane lammiiwwan Amerikaa biyyoota alaa jiranii fi hojii diplomaasummaa Yunaayitid Isteets geggeessitu irra miidhaa guddaa akka geessisu ka dubbatan aangawoonni Yunaayitid Isteets dhaabbatni oduu kana facaase himatamuu qaba, jedhu.

Gabaasaa guutuu MP3 tuquun dhaggeeffadhaa.