Yakka-iaalchi Ajjeechaa Joorj Filooyid Itti Fufeera

  • VOA

Lammii Ameerikaa hidda Afrikaa – Joorj Filooyid ajjeesuutti kan himatame – qondaala Poolisii, Deerik Chuuviin irratti yakka-iaalchi geggeessamu, har’as, kutaa Minisootaa keessatti itti fufee jira.

Har’a ragaalee dabalataan dhaggeeffataman keessaa tokko, poolisii dhaabbata balaa ibiddaa ittisuu ka taate – dubartiin tokko leenjii qabduun, Filooyidiin gargaaruuf eyyama dhorkamuu isheetti ka guddaa gaddite tahuu dubbatte.

Jeneviin Haanson namoota hedduu yeroo ajjeechaa sana achi turanii if yeroo Qondaalichi Poolisii Chuuviin morma Filooyid irra jilbeeffate arguu isaaniitti baay’ee aaranii akka turan kaleessa dhugaa bahan keessaa tokko.