Yunaaytid Istees Hojjatoota Gargaarasa Dhala Namaa Kan Hatattamaa Itiyoophiyaa Seensisaa Jirti

  • Jaallannee Gammadaa

Geel Smiiz, Itti gafatamtu USAID

Baatilee dhufan sadiif Itiyoophiyaa keessatti gargaarsa raabsuuf kan oolu Dolaarri Miliyoona 200 fi Miliyoonni 68 kan barbaachisu ta’uu jaarmayaan misooma sadarkaa addinyaa kan Yunaaytid Isteetes ykn USAID beeksisee jira.

Jaarmayaa kanaaf Daayreekteera kan ta’n Geel Smiiz akka jedhantti jijjirama qilleensaa El-Ninoo jedhamuun kutaalee addunyaa hedduu rakkisaa kan jiru fi Afrikaa Kibbaa keessatti hammaataa akkasumas biyyoota Laatiin Amerikaa keessatti midhaa geesisuu isaa Geel Smiiz ibsanii jiru.

Itiyoophiyaa keessatti garuu caamni amma mudate isa waggootii darban shantamaaf ture sana caalaa daran hamaa ta’uu dubbatan. Itiyoophiyaa keessatti caama jiruun badiin dhaqqabee hin jiru jechuu keenya miti kan jedhan itti gaafatamtuun kun beeladaaleen du’aniiru mallattoon hanqina nyaataa akka jiran mul’isan dabalaa jiru jedhu. Uummanni miliyooma 10 gargaarsa hatattamaa kan barbaadan ta’uu kan dubbatan Geel Smiiz haalli jiru hammaachuu fi fakkiin daa’imman nyaata dhabaan qaami isaanii dhume sabaa himaan ituu mul’achuu hin jalqabin hojii baraarsaa gaggeessuu feena jedhan.

Yuniiytiid isteets gama gargaarsa dhiyeessuun qofa otoo hin taane sanyii midhaanii fi leenjii barbaachisu qonnaan bultootaaf kan kennitu ta’uu dubbatanii biyyonni arjomtoota kannen biroon Itiyoophiyaatti akka birmatan Geel Smiiz gaafatanii jiru.

Your browser doesn’t support HTML5

Gabaasni sagalee kunooti