Yunaayitid Isteets, Kutaa Daalaasitti Haleellaan Poolisoota Galafaate Waggaa 15 Keessatti Isa Hamaa Dha Jedhame

  • Tuujubee Horaa
    Jaallannee Gammadaa

Haleellaa Daaalaasitti gahee han shakkame Maykaa Joonson.

US kutaa Texas Dallas keessatti namni qawwee hidhate tokko poolisoota shan ajjeesee kanneen biroo sagal ennaa hiriirri mormii kaleessa geggeessametti galaafachuu isaa angawoonni poolisii Dallas keessaa beeksisnii jiru.

Poolisii waliin ennaa wal dura dhaabbatanitti shakkamaan kun maal akka jedhe hoogganaan poolisii Dallas David Brown ennaa dubbatan:

Shakkamaan sun waa’een lubbuu gurraachota baduu nama dhiba jechuun aaruu isaa, ka dhiyeenya poolisiin namtti dhukaasetu na aarse, warren adii keessumaa poolisii adii ajjeesuun barbaada jedhe jedhan.

Shakkamaan maqaan isaa Maaykaa Exze-eviyeer jedhamu booda dhuka’aa poolisiin ajjeefame. Poolisiin boombii roobootii itti erguu dhaan cina isaatti dhuka’uu hoogganaan poolisii kun dubbataniiru.

Shakkamaan kun kan umuriin 25 Dallas bakka Mesquite jedhamu keessa kan jiraatu ennaa ta’u miseensa waraana US duraanii ti.

Gama biraan Oromoota magaalaalee Daalaas keessa jiraatan obbo Adam Busee fi obbo Anwaar Abdallaa akkasumas Seent Pool Minisootaa irraa aadde Najaat Hamzaa haala kutaalee keessa jiraatanii VOAf ibsaniiru.

Your browser doesn’t support HTML5

Yunaayitid Isteets, Kutaa Daalaasitti Haleellaan Poolisoota Galafaate Waggaa 15 Keessatti Isa Hamaa Dha Jedhame

Your browser doesn’t support HTML5

Haleellaa Daalaas laalchisee miseensonni haawaasa Oromoo Ameerikaa maal jedhu?