Voice of America
Jiraattonni Zoonii Gondor Kaabaa Bakka Cinaa Jedhamu Keessaa Gargaarsa Namoomaa Gaafatan
Haleellaa raawwatame kanaan namootin 200 ol ta’an akka du’an fi hidhattoonii HIWAHAT yemmuu guyyoottan Shaniif naannoo sana turan namoottan nagaa akka ajjeesan, qabeenyaa akka saamaa fi mancaasaa turan dubbatana,  jiraattotaaf haanga’onni.
Dhimma kana irratti dubbi himaan HEWAHAT dhiheenya kan akka madda oduu Rooyitarisitti  himanitii badiinsa sana gareen isaanii raawwahuu isaa haalanii qaama bilisa ta’een akka qoratamu gaafchuun isaanii hin yaadatama jedha, gabaasni Asteer Misgaanaaw Baahir Daar irraa ergite.
Dipilomaatonnii Itiyoophiyaa Leenjii Fudhachaa Jiraachun Himame
Obbo Damaqaan kan kana dubbaatan leenjii guyyaa kudhaniif diplomaatota biyyattii biyyaa adda adda irratti bobba’anii jiraaniif kennamuu yemmuu banani.
Qabiyyeen leenjii kanaa akka dipilomaatonnii biyyatti yaada jijjiramaa haaraa wajjin wal fudhatan, akka jijjiirama qor-qalbii uuman taasisuu, ijaarsaa haaraa wajjin walbarsiisuu ta'uutu himame.
Obbo Damaqaan ojiin kana booddee diplomaatonnii ojjachuu qaban akka kanaan duraa akka ta’uu hin dandeenye hubachiisanii, umnaa biyyatiin qabduu irratit hundaa’uudhaan lakkoofsii Embaasotaa biyyatiin adduunyaa irratti qabdu akka hirdhachuu danda’u himaniiru.
Itti dabaluudhaanis Diplomaatonni fedhii biyyatiif hin taane akka urgufamanii Obbo Damaqaan dubachuu isaanii gabaasinni Mallaskaachoo Ammahaa ibseera.
Komishiniin Mirga Namoomaa Itiyoophiyaa Haali Tigraay Keessaa Yaaddessaa Ta'uu Beeksise
Naanno Tigiraay bakkeewaan tokko tokko keessatii Tajaajilli Ibsaa deebi’eera. Bakkeewan tokko tokkottis Interneetiin jiraacuu baatus ajaja bulchiinsa naannootiin Tajaajilli baankii akka kenamuu taasifamaa jira.
Tigiraay keessatti tajaajilawan bu’uuraa kan akka ibsaatiif bilbilaa akka mootumaan Feederaalaa addan kutee Addi Bilisummaa Saba Tigraay / HIWEHAT fi dhaabileen gargaarasa Aduunyyaa tokko tokko himaa jiran.
Mootummaan Feederaalaa gama isaatiin tajaajillawan bu’uuraa sana kan maancaasee akka HEWEHAT ta’e ibsee, hojjattoonii wanneen mancaa’an suphuudhaaf bobba’an hidhatoota HEWAHATin akka ajjeefaman hima.
Naanno Tigraay keessatii hanqa’inni midhaan nyaataa fi maallaqaa waan jiruuf namoonnii bakka tokkoo bakka biraatti socho’uu akka hindandeenye kan ibsee Komishiiniin mirga namoomaa Itiyoophiyaa, qaamoleen dhimmchii ilaallatu gargaarsii siviilotaaf qaqqabuu qabu akka hin gufannee fi akka fooyya’u waamichaa gochuu isaa gabaasin Kenedii Abaatee irra beekameera.
Barreessaan muummee mootummootaa kamtoomanii Antoniyoo Gutereez ibsaa dheengadha, gabaastuu VOA Maargaareeti Bashiriti wajjin haasaa godhaniin Rakkoon Kaaba Itiyoophiyaa jiru  qawweedhaan fala argaachuu akka hin daandeenye gareen lammanuu amma ammaatti waan hubatan natti hin fakkatu jechuu isaanii gabaasn Keneedii Abaatee qopheesse kun ibseera.
Dhaabbanni Fayyaa Adduunyaa Itiyoophiyaaf Gargaarsa Qorichaa Kenne
Fe’isin kun qorichoota adda addaa, meeshaalee baqaqsanii hodhuu atattamaa, meeshaawana dhibee Koleeraaf gargaaraniif kanneen biroo akka ta’an fi gargaarsichii namootta gara 150,000 akka faayyaddutu ibsame.
Dhaabbani Fayyaa Adduunyaa kuusaa isaa Dubaay irraa Nayijeriyaa, Afgaanistaan, Sooriyaa fi Yemeniif akka gargaarsa raabsaa ture ibsa isaa keesaati beekisisu kan gabaaste Margaareet Baashiri.
Ministriin Dhimma Alaa Yunaayitid Isteetis Waraanni Biyya Isaanii Afgaanistaan Keessaa Ba’uun Ejjennoo Sirrii Dha Jechuun Falman
Ministriin Dhimma Alaa Yunaayitid Isteetis Waraanni Biyya Isaanii Afgaanistaan Keessaa Ba’uun Ejjennoo Sirrii Dha Jechuun Falman
Seera tumtoonni Yunaayitid Isteetis angawoonni bulchiinsa Baayiden bulchiinsi Taliban hatattamaan aangoo qabachuu isaa tilmaamuu dhabuu isaaf Hagaya 31 guyyaa Yunaayitid Isteetis gamasii ba’uu qabutti cichuu isaa gaaffii keessa galchanii jiran.
“Yeroo dheeraaf gamas turuun humnootii naga eegumsa ykn mootummaa Afgaanistaan daran dura dhaabbachuuf ykn ofii isaa akka danda’u gochuu isaaf ragaan tokko iyyuu hin jiru. Yoo waggoonni 20, diggersi doolaara biliyoona dhibba hedduu fi meeshaan waraanaaf akkasumas leenjiin kenname ga’aa yoo hin ta’in, waggaan shan ykn 10 itti dabalaa maaliif barbaachisa?” Jedhan Blinken.
Walittti bu’iisii Tigraay Keessaa Guutuummaa Gaafa Afrikaaf Sodaachisaa Dha: Misheel Baacheleet
Walittti bu’iisii Tigraay Keessaa Guutuummaa Gaafa Afrikaaf Sodaachisaa Dha: Misheel Baacheleet
Waajjirri mirga namoomaa kan Tokkummaa Mootummootaa fi komiishinni mirga dhala namaa Ikan tiyoophiyaa dhiittaa mirga namoomaa Tigraay keessatti raawwatamee jedhame ilaalchisuun ba’ii qorannaa waloon geggeessan gumii mirga dhala namaa kan tokkummaa mootummootaaf dhiyeessaniiru.
Gabaasa Liisaa Shilaayin Jeeneevaa irraa ergiite caqasaa.
Dhukkubii Koleeraa Naayjeriyaa Keessatti Hammaataa Jira
Dhukkubii Koleeraa Naayjeriyaa Keessatti Hammaataa Jira
Gama kaaniin biyyattiin weerara vaayrasii Koroonaan rakkataa kan jirtu yoo ta’u uummata Naayjeriyaa 100 keessaa hark tokkoo gadiitu talaalii tokko qofa argate.
Gabaasa Guutuu Caqasaa
VOA60 Africa- The UN expects the return of civilian rule in Guinea within a "reasonable" timeframe
VOA60 America- Nuclear envoys from the United States, Japan and South Korea attended a three-way meeting in Tokyo Tuesday
VOA60 World- Thousands of people protested in front of the governor’s palace Tuesday against the Taliban in the southern city of Kandahar
Sagantaa- Kibxata
Waa'ee Marii Biyyaalessaa Dhaabonni Adda Addaa Itiyoophiyaa Keessaa Maal Jedhu?
Waa'ee Marii Biyyaalessaa Dhaabonni Adda Addaa Itiyoophiyaa Keessaa Maal Jedhu?
Dhaabni siyaasaa Kongireesii Federaalawaa Oromoo (KFO)’n osoo filannoon biyyaalessaa marsaa ja’affaan geggeeffamuu dura mariin biyyaaleessaa akka barbaachisu ibsa baasee ture. Haaluma wal fakkaatuun dhaabni siyaasaa ka biraan Adda Bilisummoo Oromoo (ABO)’n Obbo Daawud Ibsaan hoogganumus  mariin biyyaaleessaa hunda hirmaachise taasifamuu akka qabu akeekuun ibsa baasuun ni yaadatama.
Eeega filannoon biyyaaleessaa marsaa ja’affaan gaggeeffamee booda, mootummaan biyya bulchaa jirus mariin biyyaaleessaa akka barbaachisuu fi akka maricha taasiisuuf jiru ibsee ture. Mariin biyyaaleessaa maaliif barbaachisee fi dhimmoota maaliirratti eenyufaatu maari’achuu qabaa? gaaffiilee jedhan irratti gabaasaan keenya Mitikkuu Fiqaaduu dhaabota siyaasaa, dhaabota mit-mootummaa fi ka mootummarraa dubbisuun, Dirree Dimookiraasif qophii qindeesse qaba.
Finfinneetti Hawaasni Waa'ee Koovid 19 Hubannoo Qabaateyyuu Of Eeggataa Hin jiru, Jedhame
Finfinneetti Hawaasni Waa'ee Koovid 19 Hubannoo Qabaateyyuu Of Eeggataa Hin jiru, Jedhame
Akaakuun vaayirasii Koroonaa Deeltaa jedhamu kun isa Aalfaa jedhamurra harka lama caala jechuun kan ibse Ministarichi Fayyaa , akka uummatni irraa of eeggatullee dhaamee jira.
Kanaann wal qabatee, jiraattotni magaalaa Finfinnee hagi tokko yaada isaanii Sagalee Ameerikaaf kennan akka jedhanitti, hawaasni waa'ee Kooviid-19 hubannoo qabaatullee haga barbaachisu irraa of eeggataa hin jiru.
Qajeelfamni Talaallii COVID-19 Irratti Baayidaniin Kenname Falmii Kaasise
Rakkoon Qilleensa Naannoo Mudate Mirga Namaa Addunyaa Irraa Balaaf Saaxile: Tokkummaa Mootummootaa