Qophii Fayyaa  - Voice of America
Qophii Fayyaa  - Voice of America
        <language>om</language>
Bulchiinsa Naanoo Sidaamaa keessatti Namoonni 6 Balaa Konkoolaataan Lubbuu Dhaban
            <description>Godina Sidaamaa kibbaa aanaa Alataa Wandoo keessatti Dilbata  kaleessaa konkolaataan buna fe’ee ture tokko garagaluun lubbuun namoota 6 galaafachuuDaarektarri Daayirektoreetii To'annoo Nageenya Daandii kan Komishinii Poolisii Naannoo Sidaamaa Inispeektara Olaanaa Daani'eel Shinkuraa Sagalee Ameerikaatti himan.
Konkolaataan fe'umsaa lakkoofsa gabatee 3-18766 ORO jedhu qabu kun konkolaachisa ykn Shoofeera fi gargaaraa isaa dabalatee namoota kudhan kan fe'ee ture yoo ta'u, namoonni biroo...</description>
Simpooziyemiin Faca’ina Eedsii Tigraay Keessaa Dhabamsiisuu Irratti Fuuleffate Geggeessame
            <description>Simpooziyeemii sadarkaa idil-addunyaa mata dureen isaa ‘Tigraay keessatti faca’iina dhukkuuba Eedsii (AIDS) ittisuu fi dhaabuu' jedhuun qophaa'e, tibbana konfiraansii gama viidiyoon qophaa'ee gaggeeffamee jira.Kana ilaalchisee waahilli keenya afaan TigrinyaaBatra Silxaan kan gabaasee Jaallanneetu dhiyeessa.
​Prezidaantiin Siiriyaa Yeroo Aangoorraa Kufuu Hordofee Hoogganoonni Ameerikaa Yaada Kennanii Jiru
            <description>Mootummaan Siiriyaa inni Baashaar al-Asaadiin dursamu kufuu isaa hordofuudhaan Prezidaantin US Joo Baayideni fi kan Prezidaantummaa Yunaayitid Isteetisiif filataman Doonaald Traamp Dilbata kaleessaa mata mataa isaaniin ibsa kennaniiru.
Yunaaytid Isteets fedhii ishee kutaa walakeessa bahaa keessatti qabduf jecha, fuul dureen Siiriyaa maala ta’uu danda? Waan jedhu irratti waan adeemaa jiru dhiheenyatti hordofaa jirtti. Dhimma kan irratti gabdaasin Veeronikaa Baaldaraas masaraa Waayit Haawus...</description>
            <category>Qophii Fayyaa </category><enclosure url="https://gdb.voanews.com/ac2e5b27-1f0a-497d-a472-ab0dbb142d88_tv_w800_h450.jpg" length="0" type="image/jpeg"/>
Dhukkuba Eedsii fi Busaa Dhabamsiisuuf Carraaqqii Ta'aa Jiru
            <description>Tokkummaan Mootummootaa gabaasa baaseen, weerara AIDS dhaabuuf mirga namoomaa kabajuun barbaachisaa ta’uu ibseera.Gama kaaniin Bookee ykn Binniin dhukkuuba Busaa Daddabarsituu kan dawaa dandamatte Afrikaa keessatti hammaachuun ibsamee jira. Gabaasa ergaman jaallanneetu qophii Fayyaa har'af dhiyeessa.
Naannoo Oromiyaa, Bakkawwan Adda Addaa Rakkoo Nageenyaa Qaban Keessatti Dhaabbileen Fayyaa Miidhamuu fi Rakkoo Fayyaa Hammeessun Himame
            <description>Naannoo Oromiyaatti bakkoota adda addaatti walitti-bu’insa uumamaa jiru irraa kan ka’e weerara dhukkubootaa, qaqqabinsa tajaajila fayyaa fi ittisaa fi to’annaa hanqina nyaataa gama ilaaluun carraaqqii taasisamu daran danqamaa jira jechuun dhaabanni Mootumoota Gmtoomanii, UNOCHA’n ibsee jira. Jiraattonni godinaalee rakkoon nageenyaa itti cime keessa jiran kanneen Sagalee Ameerikaaf yaada isaanii kennanis sababa dhaabbileen fayyaa manca'aniif tajaajila fayyaa gahaa argachaa hin jiru jechuun...</description>
Jaarmayaan Fayyaa Addunyaa Dhukkubni Kaanserii Dabalaa Deemuu fi Zaambiyaa Keesstti Amaleeffannaan Dhugaatii Alkoolii Hammaachuu Gabaase
            <description>Dhukkuubni kaansarii addunyaa irratti dabalaa jira jechuun jaarmayaan fayyaa addunyaa gabaasee jira. Gama kaaniin, Zaambiyaa keessatti dhiironni harkii 70 ol akkasumas dubartoonni harka 30 ol garmalee dhugaatii alkoolii dhugaa jiru jechuun jaarmayaan kun yaaddoo qabu ibsee jira.Mata duree lameen irratti gabaasa ergame jaallanneetu dhiyeessa.
Yeroo Dhibeen Gifiraa Godinaalee Oromiyaa 7 Keessatti Babal’atee Jiru Kanatti Tallaalamuun Murteessaa Tahuu Ogeessi Fayyaa Dubbatan 
            <description>Biiroon Eegumsa Fayyaa Oromiyaa torban darbe akka ibsetti, sababaa Koovid 19tiin hojiin talaallii idilee addaan cituu irraa kan ka’e dhukkubni Gifiiraa Godinaalee Oromiyaa torba keessatti  babalatee jira.Maalummaa dhukkuuba kanaa fi mallattoo isaa akksumas wal'ansa isaa ilaalchisee, Hospitaala ispeeshaalaayzid fi waliigalaa Shaashamannee irraa, Ogeessa addaa dhibee ijoollee fi da'immanii Dr. Abarraa Olaanii dubbisnee jirra.
Yaala Dhukkuba Xannacha Gadameessaa Hospitaala Riferaalaa Yunivarsitii Wallaggaatti Taasisamaa Jiru
            <description>Dubartootni hedduun mallattoo tokkoollee osoon agarsiisin dhibee xannacha gadameessaatiif saaxilamuu waan danda'aniif dursanii of eeggachuufi yaalamuun baay’ee barbaachisaa tahuu Ispeeshaalistiin Yaalii ulfaafi gadameessaa Doktor Tamasgeen Xilaahun hubachiisanii jiran.
Doktor Tamasgeen Sadarkaa Pireezidaantii itti aanaa Yunivarsiitii Wallaggaatti fi hojigeggeessaa olaanaa Hospitaala Rifaraala Yunivarsiitii Wallaggaafi Itti gaafatamaa Kolleejjii Fayyaa Yunivarsiitii...</description>
Xannachi ‘Taayrooyid’ Ka Mormarratti Argamu Yoo Sirriitti Hojjechuu Dhabe Dhibeewwan Akkamii Fida?
            <description>Kan morma namaa irratti argamu fi Taayrooyiid Gland xannachi jedhamu, tajaajiilli kennu maalii? Kana irratti jaallanneen kooleejii wal'ansa fayyaa kan walii galaa Nagallee Arsii irraa, ogeessa addaa waa'ee baqaqsanii yaaluu  ka ta'an Dr. Sanyii Baqqalaa Haasoofsiiftee jirti.
Dhukkuba Qaama Argansuu RSV Jedhamuuf Talaaliin Argamee Jira
            <description>Dhukkuuba vaayrasiin dabruu fi Respiraatorii sin-sish-al Virus jedhamu yeroo ammaa hammaataa akka jiru ibsamaa jira.Vaayrasii qaama argansuu ykn resparatorii miidhu kana kan ilaaleen  marii Dr. Mullataa Xaafaa waliin gaggeeffame isinii dhiyeessiina. Dr Mullataan ogeessa addaa kan waa'ee wal'ansa murteessaa ta'anii fi kan waa'ee ujummoo argansuu ykn qilleensaa  ti.
Naannoo Oromiyaa  Bakkawwan Rakkoon Nageenyaa Jirutti Tatamsa’ina Dhibee Busaa Ittisuuf Hojii Hojjetamutti Danqaan Uumamuun Himame
            <description>Rakkoon nageenyaa naannoo Oromiyaa godinaalee tokko tokko keessatti mul’achaa jiru tatamsa’ina dhibee busaa ittisuuf taasifamuuf danqaa ta'uu biiroon fayyaa Oromiyaa ibsee jira.Biiroo Fayyaa Oromiyaatti Itti Gaafatamaan dursaa garee dhabamsiisa dhibee busaa obbo Jawaar “Bakkawwan tokko tokko qaqqabuuu irratti haalli nageenyaa rakkisaa ta'uus biiroon keenya tooftaa adda addaatiin Hawasa bira gahuuf hojjechaa jira” jechuun Sagalee Ameerikaatti himan.
Jiraattonni godinaalee Oromiyaa adda...</description>
Lammiin Ameerikaa Barataan Kutaa 8 Badhaasa Saayintistoota Dargaggootaa Badhaafame
            <description>Dargaggeessi waggaa 14 lammiin Amerikaa hidda dhalata Itoophiyaa as Yunaaytid Isteetis kutaa Virginia keessatti dorgommii saayinsii waggaa waggaan barattoota Amerikaa, kutaa shanii hanga saddeetii gaggeeffamu kan “3M Young Scientist Challenge” jedhamu injifachuu isaa Edeen Garramew gabaastee jirti.Gama kaaniin, dhukkubii Fluu ykn Infuleenzaa jedham Amerikaa keessatti hammaachuun ibsaa gabaafameera.
Dhiibbaan Dhiigaa Maali?
            <description>Dhiibbaa dhiigaa, rakkoo inni hordoofsisu, haalawwan dhiibbaa dhiigaaf gumaachanii fi of eeggannoo barbaachisu ilaalchisuun as Yunaayitid Isteetis, kutaa Meriiland keessaa kan hojjetan ogeessa addaa  waa'ee Onnee k Dr. seeyfuddiin Huseen dubbisnee jirra. 
Itiyoophiyaa Keessatti Lakkoobsi Namoota Dhibee Busaan Du’anii Dhibbeentaa 27’n Dabaluu Ministiriin Fayyaa Beeksise
            <description>Itoophiyaa kessatti lakkoobsi namoota dhibee Busaan barana du'aan dhibbeentaa 27  dabaale jedhan Ministeerri fayyaa Dr. Liyaa Taaddesee.
Dr.Liyaan hasawaa baniinsaa yaa'ii fayyaa 25ffaa sadarkaa guutuu biyyaatti gaggeeffame irraatti kana dubbatan. Akka  jecha isaaniitti yeroo amma sadarkaa biyyaatti yoo ilaalame namoonni miliyoona 3.3 oli dhibee busaan qabamaniiru. Gama biraatiin, Tokkummaa Mootummootatti biiroon gargaarsa namoomaa  OUCHA'n gabaasa torban kana jalqaabarra baaseen godina...</description>
Dhukkuba Tisiisaan Namatti Dabru
            <description>Dhukkuubii Kaal-Azaar jedhamu, kan hamaa fi lubbuu namaa galaafatu Itiyoophiyaa gama kaabaa keessatti mudachuun isaa gabaafamaa jira. Dhaabbatta Fayyaa Uummataa kan Itiyoophiyaa keessatti, qorannoo dhukkuuboota sadii irratti gaggeeffamuuf daayreekteeraa fi qorataa dursaa kan ta'an, Dr. Garramuu Xaasew Gumaa waa'ee dhukkuuba Kaal Azaar nu ibsanii jiru.Jaallanneen tu Haasoofsiisee.
Tajaajila Fayyaa Uummataa keenyaa ka Biyya Keessaa fi Alaa Irratti Hojjataa Jirra
            <description>Waldaan ogeessoota fayyaa oromoo kan idila addunyaa (IOHPA) dhiyeenya kana gumii isaa 5ffaa magaala seent pool kan kutaa Minisootaa keessatti gaggeessee jira.Waldaan kun hojii gaggeessaa jiru fi dhimmootii kana waliin wal qabatan irratti prezidaantummaa waldichaa marsaa dhumaa kan turan  Dr. Abba shaamoo Leencoo Jallanneen haasofsiiftee jirti. . 
Dhukkuba Iboolaa Ugaandaa Keessaa
            <description>Addunyaa irratti dhukkubonni daddarbaa hin taane midhaa guddaa geesisaa akka jiran Jaarmayaan Fayyaa Addunyaa gabaasee jira.Gama kaaniin, Dhukkubii Ibolaa Ugaandaa keessatti to’annaa jala oleera jedhu  prezidaantiin biyyatti Yowerii Musevenii dubbatanii jiru. Waldaan ogeessoota fayyaa kan biyyatti garu yaaddoo akka qabu ibsa. 
Yeroo Waraansaa fi Buqqaatii Miidhaalee Dhaqqaban Keessaa Dhibeen Sammuu Xiyyeeffannaa Argachuu Qaba, Jedhu Hayyuun Xinsammuu Tokko  
            <description>Yeroo wal-waraansaa fi sababaa sanaan buqq’insaa fi godaansa uumamu keessatti miidhaan dhaqqabu kan qaamaa qofa miti. Dhimma kana irratti kan Jaallanneen Finfinnee irraa dubbiste hayyuun dhimma fayyaa xiin-sammuu Dr. Dirribaa Waaqjiraa, miidhaalee yeroo akkasii uumaman guguddoo keessaa tokko miidhaa yokaan dhukkubbii sammuu tahuu dubbatan.Yeroo akkanaatti kan irra-caalaa miidhamu dubartootaa fi ijoollee akka tahes hubachiisanii, dhibeen kun akka xiyyeeffannaa argachuu qabu eeran.
Dhukkubii Mankii Paaks Maalii? 
            <description>Dhukkubii Mankii paaks jedhamu sodaa fayyaauummataa  kan hatattamaa ta'u jaarmayaan fayyaa addunyaa gabaasee jira. Kana ilaalchisee marii Dr. Dagaa Seid waliin gaggeefame caqasaa.
Gargaarsii Tigraay Seenuu Kan Ibse Tokkuummaan Mootummootaa Garu Ga’aa Miti Jedhe
            <description>Konkolaataan fe’umsaa 27 kanneen gargaarsa nyaataa fi kanneen biroo Neetriik Tonii kuma tokko fe’anii dhuma torban dabree Maqalee seenuu isaanii waahiloonni keenya nutti himan jechuun dubbii himaan Tokkummaa Mootummootaa Steefan Jaarik ibsanii jiru. 
Gargaarsa gamasitti erguun baatii darbee erga  eegalamee as inni kun yeroo 4ffaaf ta’u ibsanii, kunis baatii sadiif gargaarsa erguun eega addaan cite booda jedhan.Waluumaa gala erga gargaarsa erguun kun jalqabamee as kokoolaataan gargaarsa...</description>