Varayrasii Koronaa - Voice of America
        <description>Varayrasii Koronaa</description>
Varayrasii Koronaa - Voice of America
        <language>om</language>
        <ttl>60</ttl>        
Jaarmayaan Fayyaa Addunyaa Gargaarsaaf Iyyataa Jira
            <description>Dhaabbanni Fayyaa Addunyaa biyyoota 54 keessatti namoota miliyoonaan lakkaa’aman, kanneen rakkoo eegumsa fayyaa hatattamaa kan namtolchee fi uumamaa dachaa ta’een isaan mudate gargaaruuf doolaara biiliyoona 2.54 galmee jiru irratti ol aanaa ta’e gaafachaa jira.
Iyyannoo kana labsuu  keessatti, daayreektarri olaanaa kan dhaabata fayyaa addunyaa Teediroos Anhanom akka jedhanti,  addunyaan rakkoolee kanaan dura hin mudannee kanen  deebii kanaan dura hin dhiyaanne gaafatu argaa jirti...</description>
Utaalloo fi  Kooviid 19 Saffisaan Babal’achaa Jiraachuu Inistiitiyuutiin Fayyaa Hawaasa Itoophiyaa Ibse
            <description>Inistiitiyuutiin Fayyaa Hawaasa Itoophiyaa akka ibsetti vaayirasiin infuleenzaa ,utaalloo fi  kooviid 19 saffisaan babal’achaa akka jiru ibsera.
Daarektarri olaanaa inistiitiyuutichaa Dr. Masaayii  Hayiluu Sagaalee Ameerikaatti akka himanitti, torbeewwan jahan darban keessatti tatamsa'inni Covid-19 dachaan dabaleera.
Dhiheenya kana namoonni dhukkuba utalloon qabaman baay'achaa kan jiran yoo ta'u, namoonni sSgaaleen Ameerikaa dubbisee haalli dhiibbee utaalloo amma mul'achaa jiru kun...</description>
Tigraay Keessatti Talaaliin Farra KOOVIID-19 Kennuun Jalqabamee Jira
            <description>Bulchiinsa naannoo Tigraay keessatti duulli talaallii farra dhukkuuba KOOVIID-19 kennuu har'a kan eegalamee yoo ta’u  anga’oonni achii akka jedhanitti, duulli namoota gara miliyoona 1.6f talaalii kennuu kun, jaarmayaa fayyaa ddunyaa fi dhaaba daa’immanii Yuniseef waliin ta’uun eegalameera. 
Hogganaan waajiira fayyaa naannoo Tigraay Dr. Haagos Goodfay akka jedhanitti, qorannoo walii galaa gaggeessuuf, humna isaa fi bakka itti gaggeesinu jiraachuu baatuus, kanneen qorataman keessaa...</description>
Itiyoophiyaa Keessatti Lakkoobsi Namoota Kovid 19’n Qabamanii Cimaa Dhukubsatanii Dabaluun Himame   
            <description>Ministeerri Fayyaa Itoophiyaa torbanoota sadan darban keessatti lakkoofsi namoota Kooviid 19'n qabamanii cimaa dhukkubsataa jiranii 36 irraa gara 70tti ol giddachuu beeksise.
Ministarichi ibsa har’a gaazzexeessotaaf kenneen tamsa'inni vaayirasichaa kan duraaniirra dachaan dabaluu beeksisee, kanaaf sababaan waa’ee vaayirasichaa dagannaa hawaasaa fi Kooviid badeera, jedhanii of eeggannoo hanqisuu dha, jedha.
KOOVIID-19 Baatii Lamaaf Manatti Nu Galche: Jiraattoota Shaanghaay
            <description>Jiraattonni shaanghaay weerara dhukkuuba KOOVIID-19f jecha baatii lamaaf mana keessatti ugguramanii eega turanii booda Robii har’a handaara galaanaa deemuun akkasumas daandilee polisootaan to’atamuu irratti nyaataa fi dhugaa oolan. 
Uggurrii kunis dinagdee biyyatti duubatti deebisuu isaa fi uummata miliyoona hedduu mana keessaa akka hin bane taasiise.Tarkaanfii cimaa kanas mootummaa abbaa irree chaayinaa tu fudhatee jechuun namoonnii dhunfaan akkasumas marsariitii irraan mormii...</description>
Koovid 19 Afrikaa Keessatti Iyyummaa Dabaluun Isaa Himame 
            <description>Dhibeen Kooviid 19 lammiilee Afrikaa miiliyoonii 55 iyyumaa keessaa  galchuu  isaa fi sochii jabaa iyyumaa hanqisuudhaaf taasifamaa ture waaggoottan 20f boodatti deebisuu isaa dhaabbata mootummootaa gamtoomaniitti komishiiniin diinagdee Afrikaa gabaasaa baaseen ibseera.  
Komishiinichii gabaasaa isaa bara 2021 fuula 150 qabu Daakaar Seenegaal keessatti, walgahii ministiroota Maallaqaa, karooraa fi misooma diinagdee biyyootan Afrikaa marsa 54ffaa irratti ifa godheeraa.  
Itti aantuu...</description>
Jaarmayaan Fayyaa Addunyaa Akeekkachiisa Kennee Jira
            <description>Sababaa weerara dhukkuuba KOOVIID 19 kan ka’e dhukkuboonni silaa talaaliin ittisuun danda’amuu Afrikaa keessatti baballataa jiru jechuun jaarmayaan Fayyaa addunyaa(WHO)n akeekkachisee jira.
Gama kaaniin ministeerrii Fayyaa kan Itiyoophiyaa talaalii ramaddii hin kennamiin hafan waliin ga'uuf carraaqqiin akka jiru ibsee jira.
Gabaasa Guutuu caqasaa.
Naannoolee Waraansaa fi Walitti-bu’insaatti Talaalii Daa’immanii Kennuun Rakkisaa Tahuu Beeksisee – Ministiriin Fayyaa Itiyoophiyaa  
            <description>Naannoolee Itiyoophiyaa adda addaa keessatti sababaa waraansaa fi walitti-bu’insootaan daa’imman umuriin isaanii waggoota lamaa gadii, kanneen gara Miliyoona tokkootti lakkaawaman garii hin tallaalamiin hafuu fi kaan talaalii addaan kutuu Ministiriin Fayyaa Itiyoophiyaa beeksisee jira. Kanneen naannoo waraansaa fi walitti-bu’insaa tahan – Affaar, Amaara, Oromiyaa fi Benishaangul Gumuz keessatti, keessumaa naannoolee hidhattoonni socho’anitti, tajaajila fayyaa kennuun rakkisaa akka tahe...</description>
Ministriin Fayyaa Itiyoophiyaa Koovid 19 Ilaalchisee Qajeelfamoota Haga Tokko Fooyyessuu Isaa beeksise  
            <description>Ministarittiin Fayyaa, Dr. Liyaa Taaddesee ibsa gaazzexeessotaaf kennaniin haala amma jirutti hireen vaayirasii Kovidiin qabamuu hawaasaa biyyattii dhibba irraa harka tokkoo gadi tahuu ibsanii, fooyyessamni qajeelfamaa tokkko tokko taasisamuu beeksisan.
Fooyyessama taasisaman keessaa, mana ala bakka qilleensi jirutti maaskii kaa’achuun dirqama tahuun hafuu isaa, namoonni talaalii Koovid 19 talaalamuu isaaniif ragaa yoo qabaaatan qoratamuuf dirqamni akka hin jirree taasisamuu fi...</description>
Yunaayitid Isteets gargaarsaa talaalli Kooviid 19 Itiyoophiyaaf kennite
            <description>Yunaayitid Isteets Talalii Kooviid 19 kan gosa Faayizer Doozii kuma 840,060 Itiyoophiyaadhaa kenuu ishee ibsii Embaasii Yunaayitid Isateets Fenffinne jiruu irraa bahe beeksiseeraa.
Gargaarsii kun Bitootessa 14, 2022 Itiyoophiyaa akka seenee kan hime ibsii kun , Adoolessaa 17, bara 2021 as yunaayitid Isteets gargaarsaa talaalli doozii Miiliyoonii 7.8 Itiyoophiyaadhaaf kennuu ishee yaadachiiseera.
Yunaayitd Isteets gargaaraa talaalii kooviid 19 doozii miiliyoonii 492 ta’u biyyoottan...</description>
Koronaan Chaayinaatti Hammaachaa jira
            <description>Kaaba bahaa Kutaa biyya Chaayinaa, bulichiinsa Jiiliin keessatti dhibeen Kooviid 19 akka haaraatti faffaca’uu jalqabuu isaatiin kan ka’ee mootummaan Chaayinaa jiraattonii kutaa biyichaa Miiliyoonii 24.1 ta’an akka naannoo isaanii keesaa hin baane taasiseeraa.
vaayirasii hariitidhaan nana irraa namatti daddarbaa jiru kanaan kutaalee biyatti adda adda fi magaalota adda adda keessaatti wixataa kaleessaatii as nomoonni 3, 507   kan qabaman yemuu ta’u,  akka komishiiniin fayyaa biyaalessaa...</description>
Koroonaan lubbuu Miiliiyoonii Jahaa ol galaafateera
            <description>Yuuniversitii Joon Hoopkinsitti Maddii wa’ee dhimmaa Kooviid 19 akka jedhutti, adduunyaa irratti namoottan dhibee koroonaatiin du’an miiliyoonii 6 ol ta’ee jira.
  Addunyaa irratti , Yero ammaa yemmuu namoottan Maasikii of irraa baasaa jiran kanatti, yeroo immallii itti fufee kanatti, yeroo bakkeewwan daldalaa fi bashannanaa banamaa jiran kanatti dhibee Koroonaatin du’uun akka hin dhaabbanee kan ibsee gabaasiin Joon Hoopkins,  walumaa galatti namoonii Miiliyoonii 6,006,748 du’uu isaan...</description>
Afrikaan Talaalii KOOVID-19 Argattuus Raabsuuf Rakkoo Biraa Akka Qabdu Ibsamee Jira
            <description>Biyyonni Afrikaa dhikkuuba KOVIID-19 ittisuuf talaalii gargaaru isa gaafatameen ol yeroo jalqabaaf argachuun isaanii walgahii Robii dabree Naayjeriyaa keessatti gaggeffame irrtti ibsameera.Ta'uus garu talaaliiwwan kana mi'a qabaneessu keessa ka'uuf akasumas talaalicha uummata bira akka ga'u gochuuf amma iyyu rakkootu jira.
Gabaasa Guutuu Caqasaa
Afriikaa Keessaa Lakkoobsi Namootas COVID-19 Qabamanii Ol Ka’uu Akka Danda’u Gabaasame
            <description>COVID-19 Afriikaa keessaa kan gabaasameen ol dacha torba dabaluu kan danda’u ta’uu isaa fi lakkoobsi namoota vaayiresii kanaan du’anii immoo harka lamaa hang asadii ol ka’uu isaa WHOtti daayirikterri dhimma Afriikaa beeksisanii jiru.
Dr. Matshiidoo Moo’eettii akka jedhanitti rakkoon caasaa to’annoo kan meeshaalee qorannoo ardittii keessaa ilaalchisee jiru hubannoon vaayiresii kanaaf jiru gad aanaa akka ta’u taasisuu isaa hubannee jirra.
Angawoonni eegumsa fayyaa uummataa yeroo tokko...</description>
Talaalii Faayzar Kan Amerikaan Itiyoophiyaaf Ergite Finfinnee Dhaqqabee Jira:Embaasii Amerikaa 
            <description>Talaalii dhukkuuba KOOVIID-19 ittisu gosa Faayzar jedhamu kan Yunaaytid Isteetes gama Koovaaksiin Itiyoophiyaaf ergite doziin 1,680,120 dhaqqabu isaa, Finfinnee kan jiru Embaasiin Amerikaa har’a ibsee jira. 
Kaayyoon keenya tokkittiin lubbuu namaa oolchuu dha kan jedhu ibsii Embaasii kun talaaliin kun iddoo lamatti qodamee Amajjii 24 fi 26 dirree xayyaaraa Bolee dhaqqabe jedha.Kunis walii galaan uummanni Amerikaa Itiyoophiyaaf Adooleessa 17 bara 2021 kaasee talaalii arjooman kan farra...</description>
Yunaayitid Isteets Keeniyaa fi Moorookoo gargaarte
            <description>Yunaayitid Isteets  Keniyaa fi Morokoodhaa tallaalli farra Kooviid 19 gosa Pfizer doozii miiliyoonii 2 akka erguuf murteeste beeksisteetti.
Haanga’aan Waayit haawus VOA ti dubbatan , gargaarsaa kanaa ummata keeniyaa fi Moorookoof gochuu keenyaaf hedduu gammanna jedhaniiru.
Itti gaafatamtuun dhimma preesii waayit haawus Jeen saakii  Yunaayitid isteets tallaali farra kooviid 19 doozii Miiliyoonii 400 biyyoottan 112f arjoomuu ishee himanii , gargaarsaa tola kennamuu kana al 4 ol...</description>
Ministiriin Fayyaa Itiyoophiyaa Meeshaalee Hafuura Deddeebisuuf Gargaaru 100 Arjoomtota Irraa Argachuu Beeksise  
            <description>FINFINNEE — Itiyoophiyaan weerara COVID 19 ittisuuf yaalii gootuun cinatti, sababaa wal waraansa sanaan kan manca’an waaltaalee eegumsa fayyaa deebistee ijaaraa jirti jechuun ministeerri eegumsa fayyaa beeksisee jira.
Ministrittiin eegumsa fayyaa Dr. Liyaa Taaddesee gaazixeessotaaf ibsa kennaniin, dhaabatoonni michoota ta’an, meeshaalee hafuura deddeebifachuu gargaaran kan harka namaan hojjetaman100 Itiyoophiyaaf arjoomanii jiran. Meeshaaleen kan maallaqaan doolara Ameerikaa kuma $600...</description>
Afrikaatti Kooviid gadi bu’aa jira- WHO
            <description>Afrikaa keessatii faffaca’iinsii Kooviid 19 yeroo jalqabaatiif gadi bu’uu agarasiisuun isaa ibsame.
Akka ibsii dhaabataa fayyaa adduunyaa irraa  bahe jedhetii ergaa gostii haaraan koroonaa Omikroon jedhamuu argamee as guyyootan 56f hedduu dabalaa deemaa kan ture lakkoofsii namoottan vaayiresichaan qabamanii akka gabasaa amma Amajjii 16ti jirutti  20% kan gadii bu’e yemuu ta’u, duutii namaa imoo  8% tin gadi bu’ee jira.
Afrikaan kibbaa bakkii vaayirasiin Omokiron dursee itti argame...</description>
Rakkoo KOOVIID Irraa Bu’aa Kan Argatee Jiraa? 
            <description>Addunyaa irratti dhiirri dureeyyii ta’an 10 waggaa weerarrii dhukkuba KOOVIID itti hammaatee lamaan keessatti, qabeenyii isaanii dachaan dabaluun ibsamee jira. Gama kaaniin hiyyumaa fi wal qixxumaan ilaalamuu dhabuun hammaachuu isaa gabaasnii ba’e hubachisee jira. 
Oksifaam(Oxfam) akka jedhutti, dhiiroonni dureeyyiin 10 kan qabeenyi isaanii Biliyoona 700 ture, gara Biliyoona 1.5ti kan guddatee yoo ta’u, kana jechuun guyyaatti giddu galeessaan Dolaara Biliyoona 1.3 dabaleefii...</description>
Naannoo Benishaangul Gumuz Keessatti Weerarri Koovid Dabale, Jedha Mootummaan Naannichaa 
            <description>AMBOO — Naannoo Benishaangul Gumuz keessatti weerarri Koovid-19 babal'achaa waan jiruuf hawaasni eeggannoo akka taasisu Biiroon Fayyaa Naannichaa beeksise.
Hoogganaan Sab-Quunnamtii Biiroo Fayyaa Benishaangul Gumuz obbo Waaccoo Waaqbulchoo, "Qorannaa Saamudaa taasisameen tamsa'inni Kooviid 19 duraan dhibbantaa shanii gadi ture, amma gara dhibbantaa 20 hanga 30tti ol guddateera" jechuun dubbatan.
Gabaasaa guutuu  caqasaa. 