Yunaaytid Isteets - Voice of America
Yunaaytid Isteets - Voice of America
        <language>om</language>
Hariiroon Jiru Laaffataa Waan Adeemeef Yunaayitid Isteetis Ambaasaaddara Afriikaa Kibbaa Ari’uuf Jetti
            <description>Ministirri Dhimma Alaa Yunaayitid Isteetis Maarkoo Ruubiyoon Jimaata kaleessaa Waashingitanitti ambaasaaddarri Afrikaa Kibbaa kana booda biyya isaanii keessatti nama simatamu miti jedhamanii labsamuu isaanii kan beeksisan yoo ta’u, kunis hariiroon biyyoota lamaanii hammaataa dhufuu agarsiisa.
Ruubiyoon maxxansa X kan ofii irratti akka  barreessanitti, Yunaayitid Isteetistti ambaasaaddarri Afrikaa Kibbaa Ebraahim Raasool ''kana booda biyya keenya guddittii keessatti simannaa hin qaban''...</description>
Fakkiileen Jechoota “Bilaak Laayivz Maater” Jedhuun Daandii Waayit Haawusitti Dhihoo Jirurratti Barreeffaman Kaleessaa Haqamuu Eegalan
            <description>Gareen ijaarsaa fakkii guddaa jechoota “Black Lives Matter” jedhu kan daandii Waayit Haawusti dhiyoo ta’e tokko irratti barreeffame Wiixata kaleessaa haquu jalqaban. Kunis, Kantiibaan magaalaa Waashingitan Miyureel Baawsar Doorsisaa fi giddu seensa prezidaant Tiraamp fi kongreesa Riipaablikaanoonni to’atamee dhiyeessan of irraa faccisuuf yaalaa yeroo jiranitti.
Boowsar torban darbe waltajjii hawaasummaa X irratti jijjiirama kana akeekuun akkas jechuun barreessaniiru: “Barreeffamnii  kun...</description>
Ministarri Haajaa Alaa Yuunaayitid Isteetis Saa’ud Arabiyaatti Imaluun Haala Waraansa  Raashiyaa Waliinii Dhaabuu Irratti Maari’atu
            <description>Ministirri haajaa alaa Yuunaayitid Isteetisi Maarkoo Ruubiyoo Wiixata har’aa gara Saa’ud Arabiyaatti imaluun hooggantoota Yuukireen waliin haala waraana dhaabuu kan Raashiyaa waliin itti jiran irratti ni maarii’atu.
Pireezidaantiin Yuunaayitid Isteetisi Doonaaldi Tiraampi waraanni Yuukireenii fi Raashiyaa gidduu xumura akka argatuuf dhiibbaa uumuu akkuma itti fufetti jiraachuu isaa hordofee hooggantoonni mootummaa Yuukireen hala waraana dhaabuu irratti marii Yuunaayitid Isteetsi waliin...</description>
Ergamaan Yunaaytid Isteets Walgahiin Hamaas Wajjin Geggeessan Bu'aa Qabeessa Ture Jedhan
            <description>Bulchiinsa Prezdaant Traampiin dhimma namoota iggitamanii irratti akka marii geggeessan an filataman, Adam Bohiler, Dilbata kaleesa marii dhaabata televijiinii CNN sagantaa "Isteet oof ze Yuuniyan" jedhu irratti dhihaatanii walgahiin dhiheenya kana bakka bu’oota garee Yunaaytid Isteetsiin toora garee shororkeessummaa jalatti ramadame, Hamaas ,wajjin godhan bu’a qabeessa akka ta’e ibsan.
''Torban muraasa keessatti wanti tokko walitti dhufuu danda'a jedheen yaada. Waan Hamaas barbaadu fi...</description>
Prezidaant Doonaald Tiraamp Gareen Hamaas Namoota To'annaa Isaa Jalatti Qabatee Jiru Akka Hatattamaan Gad-Lakkisu Hubachiisan 
            <description>Prezidaantiin Yuunaayitid Isteets Doonald Traamp Roobii dheengaddaa lammilee israa’el wareen too’annoo Hamaas jalaa dhiheenya kana gad lakkisaman keessa wajjin erga wal arganii booda, gareen Yunaayitid Isteets dhaaba Shororkeessatti farajde Hamaas lammilee Israa’el umnaan butee jiru hundaa atatamaan gad lakkisuu baannaan gatii itti baasuuf deemaa jechuudhaan ibsuun isaanii beekameera.
Jechii isaani innii “gatii itti basa” jedhu maala akka ta’e kan oduu gabaastotaan gaafataman Doonald...</description>
Prezidaant Tiraamp  Taarifa Konkolaatota Kanadaa fi Meksikoorraa GalU Muramee Ture Akka Baatii Tokkoof Boodatti Harkifatu Ajaja Kennan
            <description>Pireezidaantiin Yuunaayitid Isteetis Doonaald Tiraampi Taariifa Konkolaataa kanneen Meeksikoo fi Kanaadaa irraa galfaman irratti dhibbeentaa 25 irra kaa’e ture turtii ji’a tokkoof akka dubbatti harkifatu Roobii kaleessaa ajajeera.
Kunis waraanni daldalaa biyyoota olla waliin taasiifamu oomistoota konkolaataa Yuunaayitid Isteetisi gurguddoo sadii miidhuu mala sodaa jedhu irraati. Dubbii himtuun Waayit Haawus Keroolaayin Laaveet akka ibsitetti Pireezidaantichi murtoon Taarifaa kun hojiirra...</description>
Seera-tumtoonni Yunaayitid Isteetis Karoora Prezidaant Tiraamp Kan Isaanii Kibxata Dabree Keessattti Ibsan Akkamitti Ilaalan?
            <description>Doonnald Tiraamp yeroo aangoo isaanii isa marsaa lammafaatti haasaa yeroo duraatiif, Kibxata dable galgala yaa’ii waloo Koongiresii Yunaayitid Isteetis duratti dhageessisan keessatti dhimmota adda addaarratti karoora qaban ibsanii jiran. Seera tumtoonni Mana-maree Yunaayitid Isteetis walga’icha irra turanii fi haasaa isaanii dhaggeeffatan karoora isaanii kana akkamitti ilaalan? Gabaasaa Kaatiriin Jibsen, Bafiqaaduu tu dhiheessa
Tiramp wal ga’ii Waloo Kan Kongresiif Haasaa Dhageessisaniin Ameerikaan Bakkatti Deebite Jedhan
Pirezidaantiin Yunaayitid Isteetis Kibxata kaleessaa galgala haasawaa yaa’ii waloo kan Kongresiif dhiyeessaniin taarifa meeshaalee michoota daldalaa Yunaayitid Isteeits irra kaa’an haaraa faarsuu dhaan dabalataan dhufaa jira jechuun dhaadatan.
Biyyoonni ka biroon waggoota kurnaaf nu irra taarifa kaa’uutti fayyadamaniiru, amma dabareen kan keenya jechuu dhaan Tiramp haasaa isaanii jalqabaa kan marsaa hojii isaanii lammataa seera tumtootaaf dhageesisaniin beeksisaniiru.  
Yunaayitid...</description>
Prezidaant Kibxata Kaleessaa Yaa’ii Waloo Koongiresii Yunaayitid Iseetis Irratti Tarkaanfilee Ijoo Bulchiinsi Isaanii Fudhate Ibsanii Jiran
            <description>Pireezidant Doonaald Tiraamp walgahii waloo kan Kongireesaa Yunaayitid Isteetis Kibxata galgala gaggeeffame irratti yaada kennaniin, tarkaanfiiwwan jalqabaa bulchiinsi isaanii birokraasii hir’isuuf fudhate, michoota daldalaa Ameerikaa dhiyoo ta’an irratti taarifa cimaa ajajuu, fi Yukireen weerara Raashiyaa irratti qabsaa’uu akka dhaabdu dhiibbaa taasiisan ilaalchisee ibsanii jiran. Yeroo Tiraamp dubbatanitti Dimookiraatonni ilaalanii mormii isaanii ifa godhaniiru. Hoggantuun Biiroo sagalee...</description>
"Ameerikaan Bakka Isheetti Deebiteetti," Jedhan Pireezidaantiin Yuunaayitid Isteetii Doonaald Tiraamp
            <description>Haasaa Pireezidaantiin Yuunaayitid Isteetisi Doonaald Tiraamp Kibxata kaleessaa galgala mana maree waloo Kongireesiif dhageessiisanin “jeequmsi xiqqoon ni jiraata, garuu haala gaariirra jirra,” jedhan . Tiraamp tarkaanfiiwwan jalqabaa bulchiinsi isaanii birookiraasii hir’isuuf fudhate, michoota daldalaa Ameerikaa dhiyoo ta’an irratti taarifa cimaa ajajuu, fi Yuukireen weerara Raashiyaa irratti taasiifame waraanuu akka dhaabduuf dhiibaa irratti taasiisuu dabalatee kan dubbatan.. Yeroo Tiraamp...</description>
Taarif Bulchiisni Tiraamp Meeshaalee Kanaadaa, Meksikoo fi Chaayinaa Irraa Galan Irra Kaa’e Amma Hojiirra Oolee Jira
            <description>Dilaalli yokaan Taarifni Bulchiinsi Prezidaant Tiraamp meeshaalee biyyoota ollaa lameen, Kanadaa fi Meksikoo irra, akkasumas biyya Chaayinaarraa galfamu irra kaa’e har’a hojiirra ooluu eegalee jira.  
Bulchiinsii Doonaald Traamp, sababba godaantotaa seeraan alaa daangaa ce’anii galanuufii sababa qorichaa lubbuu nammatiif bala qabeessa ta’e Faantaniil jedhamuu karaa seeraan alaa daangaa isaanii ce’’anii Yunaayitid Isteetsn seenaa jira jechuudhaan biyyoottan olla Kanadaa fi Meeksikoo...</description>
Eega Prezidaant Tiraamp Biyyi Isaanii Gargaarsa Waraana Yukireeniif Taasistu Dhaabsisanii Booda Biyyoonni Addunyaa Yaaddoon Hordofaa Jiru
            <description>Awurooppaan waraanni Yuukireen xumura akka argatuuf karooraa baasuun kan dursaa jirtu yommuu ta’u Pireezidaantiin Yuunaayitid Isteetisi Doonaaldi Tiraamp ammoo  Wiixata kaleessaa gargaarsa humna waraanaa Yuukireeniif taasiifamu hunda isaa dhaabsiiseera. Biyyoonni Addunyaa gurguddoon yaada isaanii dhimma walitti bu’insichaa fi haala mootummaa Waayit Haawuus irra kaa’atanii hordofaa jiru jedha gaabasaan Anitaa Paaweel. Mitikkuu Fiqaaduu tu dhiheessa.
Prezidaant Tiraamp Kibxata Har’aa Halkan Walga’ii Waloo Koongiresii fi Seneetii Yunaayitid Isteestis Duratti Haasawa Taasisuuf Jiran
            <description>Prezidaant Doonaald Tiraamp Kibxata har’a galgala Koongreesa biyyattiif haasawaa dhageesisuuf jiru.Kunis  murtee birokraasii federaalaa irra deebi’anii sirreessuuf, michoota Ameerikaa irratti taarifa cimaa kaa’uu fi deeggarsa waraanaa Yunaaytid Isteetis Yukireen akka Raashiyaa facciftuuf kennitu hunda dhaabuuf murteessan torban jaha booda har’a dubbatu.
Haasaawaan har’a taasiifamu kun, Haasawaa biyooleessaa kan prezidaantiin biyyaa waggaatti al tokko dhageesiisan isa “state of the union”...</description>
Prezidaant Tiraamp Kibxata Boorii Walga’ii Waloo Koongiresii fi Senetiirratti Haasawa Taasisuuf Jiran
            <description>Prezdaant Doonaald Tiraamp bulchiinsa isaanii si’a lammaffaa kana keessatti haasaa jalqabaa  walga’ii waloo Kongireesii fi senetii irratti taasisaniin dhimmoota barbaachisoo hedduu irratti dubbatu jedhamee eegama. Isaan keessaa waraana Yukireen fi Giddu Galeessaa Baha keessatti geggeeffamaa jiru xumuruu, Yunaayitid Isteetis biyyoota biroo irratti taarifa kaa’uu, fi bal’ina mootummaa federaalaa Yunaayitid Isteetis hir’isuu faa akka dabalatu tu eegama. Gabaasa Veroonikaa Baalderaas Ileesisas...</description>
Badhaasi Fiilmii Akkaadaamii 97ffaan Kaleessa Loos Aanjelesitti Kenname 
            <description>Badhaasa Akaadaamii, Oskaar marsaa 97ffaa kennameen Adriyaan Braadii Filmii isaa "Bruutaliist" jedhamuun yeroo lammaffaaf kan badhaafame yoo ta’u,Filmii Anooraaa" jedhamu keessatti kan hojjatte Miikiii Maadson taatoo dubartii ijoo filatamtee ta’uudhaan Dilbata kaleessaa badhaasa gonfamtee jirti.
Badhaafamtoonni Oskaar kanneen biroon, barreessaa barruu filmii "Anooraa" Kiireen Kalkin akkasumas gulaalaa filmichaa kan ta’e Shaan Beeker keessatti argamu. Filmii dheeraa kan aniimeeshiniin...</description>
Walgahiin Traamp fi Zeleneskiin Dhimma  Albuudaa Irratti Waayit Hawusitti Geggeessan Waliigaltee Malee Xumurame 
            <description>Walgahiin Waayit Haawus prezidaant Doonaald Tiraamp fi Pirezidaantii Yukireen Volodymyr ZelenskII gidduutti waliigaltee Yunaaytid Isteetis kan yeroo baayyee e hin baratamnee mirga albuuda Yukireen akka argattu hayyamu mirkaneessuuf kaayyeffatee ture, gara wal falmii ho’aa ta’etti jijjiirame, hoggantoonni lamaan wal irratti dubbachuu fi Tiraamp Zelenskiin, “Ati yookaan waliigaltee gochuuf jirta yookaan keessaa baanee jirra” jedhan.
Walgahii kana booda ibsa miidiyaa hawaasaa irratti...</description>
Yeroo Joon F. Kenedii Ajjeefaman Eegdota Isaa Achi Turan Keessaa Tokko, Kilint Hiil Umurii Isaanii 93tti Du’aan Boqotan
            <description>Wayita Pireezidaanti Joon F. Kenedii Ajjeefameetti eegdoota isaa addaa keessaa tokko kan ta’e Kilint Hiil umurii isaa waggaa 93tti du’aan addunyaa kanarraa boqote.
Gaafa Sadaasa 22, bara 1963 pireezidaantiin Yuunaayitid Isteetisi Joon F. Keneedii Daalaas Teeksaas keessatti ajjeefamu eegdoota aadaa warra sekreet serviisii jedhaman keessaa tokko kan ta’e Kiliint Hiil wayita dhuukansi sun pireezidaantichatti dhuka’u konkolaataa Pireezidaantichaatti aanee kan jiru konkolaataa haati warraa...</description>
Manni Maree Bakka Bu’oota Uummataa Bajata Dhiyaate Raggaasisuuf Sagalee Ripaaboikaanotaa Ga’aa Argate
            <description>Af-yaa’iin mana maree Yunaayitid Isteetis Maayik Joonsen murtee bajataa raggaasisuuf sagalee gahaa, 217-215, argatanii jiran. Kunis carraaqqii Rippabilikaanotaa dilaala dureeyyiif hanqisuu fi baasii hir’isuuf taasisan kan Dimookiraatonni “of eeggannoon kan itti hanqate” jedhan fuula duratti tarkaanfachiisaniiru.
“Hojii cimaa hedduu nu dura jira, garuu ajandaa Ameerikaa haa dursitu jedhu geessuuf jirra, jechuun Joonsen ibsa gaazexeessitootaaf kennaniin dubbataniiru.” Hanga tokko qofaa utuu...</description>
Hoogganaan Pentaagon Mana Hidhaa Guaantanaamoo Beey Daawwatan
            <description>Godaantonni Yunaayitid Isteetis keessaa ari’amuuf karoorfame hedduun Kibxata kaleessaa bakka tursiisaa Kuubaa Guwaantanaamoo Beey keessatti argamu kan hordoffii ministeera ittisa Ameerikaa Piit Hegset jala seenaniiru.
Heegset, waa’ee deeggarsa waraanni, kan Washingiten jumlaan godaantota biyyaa ari’uuf taasisu hubachuuf buufata humna galaanaa Yunaayitid Isteetis daawwachaa kan ture yoo ta’u, xiyyaarri fe’umsaa Yunaayitid Isteetis tokko akka bu’u arguu dhaan miidiyaa hawaasaa irratti...</description>
Awrooppaan Waraana Yukireenii fi Raashaa Dhaabuuf Qooda Ol Aanaa Qabaachuu Qabu: Prezidaant Doonaald Tiraamp
            <description>Pireezidantiin Amerikaa Doonaald Tiraamp wal waraansa Yukireen fi Raashiyaa gidduu Yukreen keessatti gaggeeffamu dhaabsisuuf waliigaltee argamsisuutti dhiyaachuu isaanii ibsanii jiru.
Kunis guyyaa guutuu walgahii Waayit Haawus keessatti hogganaa Faransaay, Imaanu’eel Maakroon waliin taasifameen booda. Awurooppaan gahee guddaa akka fudhattu gaafataniiru. Paaris immoo Moskoo irraa mirkanii dabalataa akka argattuuf dhiibaa  jirti. Aniitaa Paawel Waayit Haawus irraa kan gabaaste Jaallanneetu...</description>