Xurree ittiin seenan

Breaking News

Waa’ee Keenya

Sagaleen Ameerikaa jaarmayaa oduu sabaahimdanuu Yunaayitid Isteetis guddicha, kan qabiyyeelee isaa afaanneen 45 oliin dhaggeeffatoota isaa preesii walabaaf hiree hin qabne yokaan hiree xiqqoo qabaniif tamsaasu. Bara 1942 kan hundeessame Sagaleen Ameerikaa oduu hunda qabeessaa fi loogii irraa walaba tahe tamsaasuu fi dhugaa dhaggeeffatoota isaatti himuutti cichee hojjetaa jira.

Ergamni Sagalee Ameerikaa fi walabummaan gulaallii isaa seerawwan gaazzexeessota isaa dhiibbaa, hacuuccaa fi haaloo-bahinsa aangawootaa fi abboota siyaasaa irraa tiksaniin raggaasisameefii jira.

Bara 1976, Prezidaantiin Yunaayitid Isteetis Jeeraald R. Foord, Chaartera hundeeffama Sagalee Ameerikaa kan armaa gadii mallatteessan:

1. Sagaleen Ameerikaa yeroo hunda madda oduu amanamaa fi kabajamaa tahee tajaajila. Oduun Sagalee Ameerikaa dhugaa qabatamaa, kan loogii hin qabnee fi hunda-qabeessa.

2. Sagaleen Ameerikaa Ameerikaa bakka-bu’a, kan garee hawaasa Ameerikaa tokko bakka-bu’u miti. Kanaaf yaadaa fi dhaabbatoota Ameerikaa haala wal-madaalaa fi hunda-qabeessa taheen ifa baasa.

3. Sagaleen Ameerikaa imaammatoota Yunaayitid Isteetis haala ifaa fi faayida-qabeessa taheen dhiheessa. Imaammatoota kana irratti marii fi yaadawwan itti gaafatamummaan itti dhagahamuus ni dhiheessa.

Bara 1994 keessa, mann-maree bakka-bu’ootaa Yunaayitid Isteetis Seera Tamsaasa Idiladdunyaa Yunaayitid Isteetis raggaasise. Seerri sunis hojiin gaazzexeesota Sagalee Ameerikaa dhugaa qabatamaa, kan loogii hin qabnee fi hunda-qabeessa, wal-madaalaa fi kan aadaa fi hawaasa Ameerikaa garaa garaa calaqqisu akka tahu gaafata.

Bara 2016, Manni-maree Bakka-bu’oootaa Yunaayitid Isteetis ammas Seera Waliigaltee Ittisa Biyyaalessaa, kan qoodawwan oduu funaanuu fi gabaasuu akka walabaa fi loogimaleessa tahanii itti fufan gaafatu raggaasise.

Guyyaa guyyaatti, gaazzexeessonni Sagalee Ameerikaa qajeelfamaalee preesii walabaa hordofuun addunyaaf fakkeenya tahuuf jabeessanii hojjetu.

Sagalee Ameerikaa

Preesiin Walabaa Barbaachisaa Dha

Sagaleen Ameerikaa Sagantaan Afaan Ormoo saba Itiyoophiyaa keessatti isa tokkicha guddaa tahe kan uummata biyyattii keessaa dhibba gara harka afurtamaa tahuu fi walakkeessaa fi Kibba biyyattii keessa jiraatutti xiyyeeffatee tamsaasama. Afaan Oromoo lammiwwan Oromoo Keeniyaa gama Kaabaa fi godaantota Oromoo Sudaan, Jabuutii, Giddu-galeessa Bahaa fi biyyoota Addunyaa kaan keessa jiraataniinis ni dubbatama.

XS
SM
MD
LG