Xurree ittiin seenan

Drought 2017

Jimaata 23 Waxabajjii 2017

Calendar
Ebla Caamsaa Waxabajjii Adoolessa Hagayya Fulbaana Onkoloolessa Sadaasaa Muddee
Kuusaa Faayilaa keessaa

Bonaa fi oolaan Afrikaa waan ganna kurnya hedduutii asitti arganii hin beenne. Oromiyaatti akka itti aanaan koomishineeraa Koomishiina Hooggansa Sodaa Balaa Oromiyaa, Obboo Garramuu Oliiqaa jedhetti nama miliyoona 3 fi kuma 600 qarqaarsa midhaaniit fi ka akka akkaai eegata.

Rakkoon tun haa wal caaltuu malee godina Oromiyaa 15 fi aanaa 134 keessa jirti.

Akka mootummaan naannoo Oromiyaa duraan jedhetit naannoo isaatti nama miliyoona 2 fi kuma 49 gargaarsa eegata.Henna dhiyootti ammoo nama miliyoona 1 fi kuma 500 itti dabalame.

Godina Oromiyaa bonaa fi oolaan haa wal caaluu malee itti jabaatte keessaa Boorana, Gujii, Gujii Dhiyaa,Harargee lamaan,Arsii, Baalee,Shawaa Kaabaa fi Shawaa Bahaa fa.

Akka itti aanaan Koomishineeraa kun jedhutti mootummaa federaalaa, mootummaa naannootii fi ummatinuu wal qarqaaree rakkoo wal baasuutti jira.

Mootummaan naannoo Oromiyaalleen qarshii mliyoona 100 fi kuma 700 baasee namaa fi horiillee walti qarqaaruutti jira.

Bulchiinsii naannoo Oromiyaa nama hedduu qarqaaruutti jiraa jedhullee warrii godina gara garaa keessaa dudbbifne jedhetti qarqaarsii baanan kun woma ilaan nama sobuuf jedhan malee waan mullataatii miti.

Jiraachuu dhabuu qofaa mitii waan gargaasaa dhufaniinillee haga tokko jidduutti gorfatanii kaan hin gurgurtanii kaan ammoo walii qoodan fa jedhan.

Obboo Garramuun ammoo rakkoon akkanaa quba qabaachuu qofaa mitii warrii warrii balleessaa akkanaatiin irratti mirknanooftelee ummatinuu balleessaa itti muruutti jiraa jedha.

“Tarkaanfii sirreeffamaa bakka itti fudhannettis jirra waan taheef dhimmii kun akka qabeenna abbaa hin qamneetti ilaalamee lafa hundumatti gurguruudhaaf hin eeyyamamu dhimmichii akka karaa qabatu irratti hojjachaa jirra.”

Oromiyaan yoo namii isii irraa beelahu lakkoofsa nama haga beelahee mootummaa federaalaatti ergite malee horii hagana nuu ergaa hin jettu akka jecha obboo Garramuutti.

Ijoolleen hagamitti bonaa fi oolaa kanaan barumsa keessaa yaa’e jennaan fulaa manii barumsaa jiru cufatti rakkataa addaan baasanii waan gargaaraniif namii tanaa jedhee barumsa lakkise hin jiru koomishineerii Garramuun.

Taatullee akka OHCA(United Nations office for the coordination of humanitarian assistance)Itoophiyaatti keessattu naannoo Oromiyaatii manneen barnootaa hedduutti cufamee ijoollee kuma hedduutti barumsa hedduu jidduutti dhaabe.

Bonaa fi oolaa kanaan horii haga dhumatee, ijoollee hagam tanaa jedhanii barumsa akka dhaaban akkoofsa isaanii ammatti koomishineera irraa hin arganne.

Godinootii naannoo Oromiyaa ka yoo hedduu waraanii Liyuu Poolis naannoo isaanii seenanii lafa fudhachaa namallee hadhan kaaniin akka warrii lafaa jedhutit nama hedduutti baqatee ammallee onatti hin galin.Koomishineer Garramuun ammoo naannoleen lamaan rakkoo tana irratti wal mari'atanii ya nagumaan fixan.

Woma taateefuu ammaan tana Oromiyaatti oolaa fi bonaan nama miliyoona sadii fi kuma 600 qarqaarsa eegata.

Caalaa agarsiisi

XS
SM
MD
LG