Xurree ittiin seenan

Breaking News

Manni Murtii Federaalaa Oromoota Irratti Balleessaa Mure


Abbaan alangaa himatamtoota mara irratti himannaan waggoota sadii dura dhiyeesse ergama shorokaa ABO fudhachuu dhaan of ijaaranii tokkummaa biyyaa fi siyaasaatti bu’aniiru yakka jeeqamaaf kakaasuuf hanga tokko qindeessuutiin ture.

Abbaan alangaas himannaa koo naaf ibsu kan jedhe ragaa galmee fi namaa dhiyeessee jira. Himatamtoonnis ragaa ofi irraa ittisaa dhageessisaniiru.

Manni murtichaa murtii har’a kenneen Abarraa Bonee abbaan alangaa ragaa ga’aa waan irratti hin dhiyeessineef walabha akka gad dhiisamu murteesse.

Himatamtoota 1 hanga sadiitti tarreeffamaniin ala himamtoota hafan 18 irratti murtaa’uun kan irra jiraatu akka abbaan alangaa dhiyeesse seera yakka ilaalcha biyyattii keeyata 241tti utuu hin ta’in keeyata 256 fi 257n ta’uu murtaa’eera.

Akkuma kanaan adabi hidhamtoota 18 hidhaa salphaa ta’a jedhamee eegama. Obbo Dachaasaa Wiirtuu, himatmtoota keessaa dhimmi obbo Geetuu Saaqqataa fi obbo Alabuu Teshoomee manni murtii akka keeyata 241tti balleessa itti muree jira. Murtiin sunis adaba cimaa dhaqqabsiisuun isaa beekamaa dha.

Manni murtichaa murtii adabaa dhageessisuuf Adoolessa 30 bara 2005tti beellama ka biroo kennee jira. Galmee himannaa kanaan himatamanii yakkamtoota kanneen jedhaman keessaa barattoota University Finfinnee, Adaamaa, Jimmaa fi Haromayaa hedduutu keessatti argama.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG