Xurree ittiin seenan

Breaking News

Ayyaanni Id Al Faxir Guutuummaa Addunyaatti kabajamee Oole


Ayyaana Id Al Faxir, Finfinnee, Hagayya 08 bara 2013
Ayyaana Id Al Faxir, Finfinnee, Hagayya 08 bara 2013

Ayyaana kana kan ilaaleen prezidaant Baraak Obaamaan dhaamsa dabarsaniin Misheel fi ani musliimota Amerikaa fi naannoo addunyaa kanneen ayyaana Id Al-Faxir kabajan maraan baga ittiin isin ga’e jedhan. Lammiiwwan Siiriyaa kanneen miliyoonaan laka’aman dabalatee hedduun garuu Ramadaana qe’ee isaani irraa godaananii dabarsaa jiru jedhan.

Daayreekteera Raadiyoo Sagalee Amerikaa kan ta’an Deeviid Ensoor gama isaaniin Waahiloota koo hojii VOA keessa jiran mara bakka bu’uun musliimota sagantaa keenya dhaggeeffatanii fi daawwatan maraanf ayyaana gaarii ID MUBAARAK jedhan. Qaama dhaggeeffattoota keenya sadarkaa addunyaa ta’uu keessaniif galatoomaa jedhan Daayreekterri VOA kun.

Ayyaanni Id Al Faxir Finfinnee keessatti yeroo kabajameetti musleemonni danuun mormii dhagesisaa akka turan gabaasamee jira. Yeroo kanattis humni nagaa eegsiisu uummata ba’e reebaa fi mana hidhaatti geessuu isaa kanneen ijaan argine jedhan dubbatanii jiru.

please wait

No media source currently available

0:00 0:21:59 0:00
Xurree marsariitii

XS
SM
MD
LG