Xurree ittiin seenan

Atileetotii Oromiyaa Dhufan, Maratoonii Shangaayi, Chaayinaallee Irralleetti 1-3 Bahan

  • Soraa Halakee

Maratooniin KM 42 ta Shangaayi,Chaayinaa tun 18tessoo dorgommii IAAF, Federeshiiniin Waldaa Atileetiksii Addunyaa qopheessuu keessaa tokko.Dorogmii kalee kana nama 35,000tti dorgomuuf itti baafate.Fulaan itti dorgomanillee lafa mimmidhaadduu warrii dorgomullee daawwachaa achiin keessatti dorgomu.

Dorgommii tana irratti atileeotota Itoophiyaa duraan Oromiyaa oli guddatan sadeen akka leenjisaa Toleeraa Dinqaa jedhutti Abarruu Kabbadee, MariyamaMohammed,fi Ashuu Qaasimitti 1-3 bahe.Jarii kun amma mana sirreessaa federaalaatiifii dorgomullee sadeenuu Oromiyaatti leenjifmaan. Leenjisaa Hajjii Mohaammad faatti jara kana leenjisee asiin gahe.

Biyya keessallee dorgommii Qaxxaamura Biyyaa kalee(Dilbata) Sulultaatti dorgoman irratti akka leenjsiaa Obboo Toleeraa Dinqaa jedhutti ijoollee kahimaa egerii abdatan hedduutti mumullate.Dorgommii dhiiraa keessaa ammoo Afrikaa Kibbaatti moohate.

Gama kaaniin ammoo dorgommii Dorgommii CECAFA,Dorgommii Waldaan Kubbaa Miilaa Afrikaa Gama Jidduu fi Gama Bahaa waliin taphatan Keenyaatti taphachuutti jiranii Itoophiyaa fi Keenyaatti qabxii dansaa qaba.

Suudan Kibbaa qaata dorgommii baate.Haga hardha ganamaatti goolii 21 galee, biyya 12 tapha jalqabee marroo 10 tahphatani taphii bulti 10n duubatti dhuma.
Akka oduu BBCtti ammoo taphattootii Eertiraa lama ta ammatti maqaan hin dhahamin biyya isaanii mormatanii baduu hin oolan.

Akka Nicholas Musonye, itti gaafatamaan CEACFA jedhutti taphattootii Eertiraa lama biyya ufi mormatanii Keenyaatti harka kennachuun dubbiin tun waan hedduun nama yaaddessuutti jirti jedha.

Waldorgommii waancaa adduyaa Rugby ta baranaa ammoo Australiyaatti marroo 10essoof moo’e.Austiraaliyaan tun Niiwu Ziilandi 34-2 badhaafamte.

Gama kubbaa miilaatiin ammoo FIFA,waldaan Kubbaa Miilaa Addunyaa waancaa bara dhufuu biyya dorgommii kubbaa miilaa Biraazilitti tapahtan moohattuu kennan biyya akka akkaan maruutti jiraa.Akka namii fedhii ispoorti qabaatuuf akkana lafaan maran.

Waancaa kana biyya Afrikaa hedduu keessumaan bahaa dhufanii Afrikaa Kibbaa ganna sadiin duratti waancaa addunyaa qopheessite taab guyyaa sadii keessaan bulanii Biraazilittiin deebihanii,achiin duubatti ammoo biyya Jiddu-Gala-Bahaatittiin dabranii akka namii fedhii ispoortii guddifachuu tolchuuf lafaan maran.

XS
SM
MD
LG