Xurree ittiin seenan

Breaking News

Ministerii Haajaa Alaa Amerikaa,Joon Keerii Imaltuu Guyyaa Jahaatiif Afrikaatti Dabree Hardha Itoophiyaa Gahe


Johan Kerry fi Tedros Adhanom
Johan Kerry fi Tedros Adhanom
​Keeriin yoo imaltuu guyyaa jahaatiif Afrikaatti dabre kana Itoophiyaatti goree rakkoolee Suudan Kibbaa,biyya Afrikaa Waaltaa (CAR)hariyummaa Amerikaan Afrikaa waliin qabdu, akka nagaa fi demokiraasiin naannootti baballatu fi waan heddu irratti mari’atan.

Ministeri kun marii tana keessatti akka bulchootii Suudan Kibbaa siyaasaa irratti wal dhabanii namii waraanaa walti baafatee dhibbii hedduun dhumatee miliyoona tokkoo baqachiise fala argatu mari’achiisa.

Joon Keerii yoo Itoophiyaa gahetti muummee ministera Itoophiyaa Hayilee Maariyam Dessaalenyi,ministera haajaa alaa Itoophiyaa Dr.Tewodiroos Adihaanom walilleen nagaa fi demokiraasii irratti,hariyummaa biyya lamaanii irratti wal mari’atan.

Tana maleellee akka demokiraasiin jabaattee mirgii namaa eegamu ergaa dabarsuu nama biyyaatii fi waldoota dargaggoota biyya akka akkaatiin wal mari’ata.

Tana maleellee himaammata Amerikaan Afrikaa irratti qabdu irralleetti akkanuma wal mari’atan.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG