Xurree ittiin seenan

Breaking News

Waaqayyo Ajjeechaa Uummata Keenya Irratti Raawwatamaa Jiru Akka Dhaabu Waliin Taanee Haa kadhannu Jedhu Waldootiin Kiristaana Oromoo


Fannoo harkkatti qabamee jiru
Fannoo harkkatti qabamee jiru

Waldootiin Kiristaanaa Oromoo kutaa Minesootaa keessa jiran haala yeroo ammaa Oromiyaa keessatti geggeessamaa jiru ilaalchisee Waaqa kadhachuuf jecha jimaata borii qabee guyyoota sadiif yeroo kadhataa fi soommanaa qabaachuuf akka jiran beeksisan. Guyyoota kana fuula Waaqaa ennaa barbaaddannu ajjeechaa fi hiraarsi uummata keenya irratti geggeessamu akka dhaabatu isa kadhanna. Uummati keenyas garaa tokkoon ta’ee Waaqa biraa araara akka kadhatu waamicha dabarsina kan jedhan dura taa’aa

Tokkummaa waldoota Kiristaanaa oromoo Luba Gammachuu Olaanaa turan. Yeroon kun yeroo kamiinuu caalaa tokkummaa keenya kan walitti fidu waan ta’eef martinuu bakka jirutti kadhannaa nuti geggeessinu kana hafuuraan nu faana akka ta’u jechuu dhaan kanneen biyya keessa jiranis isaan waliin jiraachuu isaaniif yoomuu akka isaan hin irraanfanne, qofaa keessan miti ittiin jechuun ergaa Darbarsan Luba Gammachuun.

Gabaasni sagalee kunooti
please wait

No media source currently available

0:00 0:04:02 0:00
Xurree marsariitii

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG