Xurree ittiin seenan

Breaking News

Akka Diinaatti Nu Reebanii Mana Nu Irratti Diigan: Jiraattota Boolee Bulbulaa


Boolee Bulbulaa
Boolee Bulbulaa

Magaalaa Finfinnee aanaa Bolee bulbulaa ganda 12 bakka warra Ganuu jedhamu keessaa manneen seeraan ala jedhaman kan diigaman ta’uu jiraattonni dubbataniiru.

Walitti bu’iinsa humnootii naga eegumsaa waliin ta’eenis namoota irra miidhaan ga’uu ibsaniiru. Mootummaan dhimma kana ilaalchisee ibsa kenne hin qabu.

Text: kanneen sodaa nageenyaaf jecha maqaan isaanii akka hin tuqamne jiraattonni naannoo VOAf akka ibsanitti Boolee Bulbulaa Warra Ganuu bakka jedhamu keessaa mana seeraan ala ijaaraman jedhaman diiguun kan jalqabame Caamsaa 10 bara 2008 ta’uu jiraattonni haala kana ijaan argine jedhan fdubbataniiru.

Guyyaa roobii gaafa 10 jalqabame. Ijoolleen mana barnootaa dhaqaa hin jiran. Naannoo kana mana barnoootaa shan ta’utu jiru. Gara naannoo sa’aatii kudhanii jalqabame. Ammuma iyyuu kunoo diigaa jiru. Roobii darbe jechuunis Caamsaa 10 hamma galgala sa’aatii 2tti diigaa turan.

Kanneen daa’ima of harkaa qaban dubartoonni ulfaa alatti gataman. Guyyaa dhuma kana gara Ambulaance kudhanii kan ta’u dhufee namoota mana yaalaatti kan geese ta’uu ijaan argeen jira jedhan.

Manni kun ennaa diigamu miidhaan namoota irra ga’e yoo jiraate jiraataan kun gaafatamanii ambulaansiin ba’ee lixuu isaa malee itti dhiyaachuu hin dandeenye, namni itti siqa taanaan nama reebu jedhan. Humnootii addaa fi humnoota qilleensaatu bobba’ee namoota haleela jedhan. Loltoonni bobbaafamuuf sababaan maal akka ta’e ennaa dubbatan jiraataan kun akkas jedhan.

Uummanni kan inni jedhe mootummaatu jedhe taanaan hin kaanu hin jennu. Araat kiiloon, piyaassaan iyyuu diigameera mootummaatu barbaade taanaan. Mana nuti rakkoo dhaan ijaarre. Bishaan ibsaa hin qabnu. Bishaan boollaa waraabbanna. Seeraan ala jechuun mana nu irratti diigaa jiru jedhan.

Qaama mootummaa itti iyyatan yoo jiraate gaafatamanii:Gaafachuu hin dandeenye. Karaa kam gaafanna? Kan gaafachuu dhaqan iyyuu qabamanii mana hidhaa jiru. Nmaoota 150 oltu hidhaman. Jiraataa ka biroon mann isaanii diigame yoo ta’e gaafataman akkas jedhan.

Eeyee eegaa jirra. Boritti nu beellaman. Ni diigama nuun jedhaniiru. Akka jirutti hin lakkoofnu. Maal akka ta’e nuu galaa hin jiru. Lammiiwwan biyya biraati yoo jedhamnes yoo nutti himame gaarii dha. Misoomaaf yoo ta’e irraa kaana. Mana agabuu bullee kiraa manaa jalaa ooluuf ijaarranne waan ta’eef nu beeksisaa jennee turre.
Lammii ofii malee lammii alaa miti. diina miti kan reebichi hammi kun irratti raawwatamuuf. Diina yoo ta’e immoo nutis ofi irraa lolla. Ala oollee ennaa gallu manni akka hin taane ta’ee nu eege jedhan.

Jiraataan kun akka jedhanitti gara naannoo sanaatti nu dhiyeessuu waan didaniif fagoo dhaabannee ilaalaa turre. Dhukaasis ture jedhan. Dhukaasi sun hanga aanaalee naannoo jiranitti illee dhaga’amaa ture jedhan.

Gabaasi kun hanga qindaa’etti jedha Meleskachoon gama mootummaatiin dimma kana ilaalchisee ibsi kenname hin jiru. Gaazexeessonni gara naannoo sanaatti imalanis humnootii naga eegumsaan waan ittisamaniif itti dhiyaachuun akkahin danda’amin hunbatameera.

please wait

No media source currently available

0:00 0:04:05 0:00
Xurree marsariitii

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG