Xurree ittiin seenan

Breaking News

Prezidaant Traamp Haasaa Jalqabaa Mana Mareef Dhiyeessan Abdii kan Namatti Hore Fakkaata


President Donald Trump, flanked by Vice President Mike Pence and House Speaker Paul Ryan of Wis., gestures on Capitol Hill in Washington, Feb. 28, 2017, before his address to a joint session of Congress.
President Donald Trump, flanked by Vice President Mike Pence and House Speaker Paul Ryan of Wis., gestures on Capitol Hill in Washington, Feb. 28, 2017, before his address to a joint session of Congress.

Mana maree bakka bu’ootaa US durtti dhiyaachuun kaleessa galgala haasaa jalqabaa kan dhageessisan prezidaantiin biyyattii Doonaald Traamp torbanneen ja’a dura haasaa dhageessisan caalaa abdii kan namatti hore fakkaata.

Yeroon ilaalcha gad aanaa itti qabaatan darbeera atakaaroo bu’aa hin qabne boodatti dhiisna jedhan prezidaaantichi haasaa isaanii ennaa dhiyeessan.

Haa ta’u malee prezidaantichi gare shororkeessota Islaamummaa ka jedhu jecha dubbii fayyadamuu itti fufan. Sabaa himaalee hedduun akka gabaasanitti gorsaan naga eegumsa biyyoolessaa Lt. General H.R McMaster fi miseensonni waajjira isaanii hangi tokko jecha akkasiitti akka hin fayyadamne gorasanii turan.

Mootummaa Islaamummaa hundeessuun fedha kan ofiin jedhe garee finxaaleyyii IS dachii kana irraa dhabamsiisuuf michoota keenya addunyaa Islaamaa keessaa waliin hojjenna jedhan Traamp.

Itti dabaluu dhaanis caasaalee misoomaa biyyattii deebisanii ijaaruuf bajati doolaara $Triliyoona tokko akka ramadamu, bajati waraanaaf oolu akka kana dura argamee hin beeknetti akka dabalamu manni maree bakka bu’ootaa akka raggaasisu kan gaafatan ta’uu illee ibsaniiru.

Bajati ministrii dhimma alaa dhibba irraa harka 38n gad caba ennaa jedhamu yeroo ammaa manni maree murtii seeraaf hoogganaa kan t’an Mitch McConnel kanatti kan walii hin galle ta’uu ibsanii manni marichaa kan hin raggaasisne ta’uu tuqaniiru.

Senatirichi repuublkiaanii kun seera insuraansii fayyaa “Obama Care” jedhamu hambisuuf paartiin isaanii walii galtee irra hin ga’in jiraachuu illee dubbataniiru.

Miseensonni mana maree bakka bu’oota haasaa prezidaantichi gareen mana marichaa lamaan bakka argamanitti dhageessisan kan hordofan bakka adda addaa taa’anii ture.

Kaan isaanii kutaa mana maree bakka bu’otaa sana keessa taa’anii yoo ta’u kaan immoo TVn kaan isaaniis Las Vegas keessatti grumuun ta’an ii hordofan.

Kanneen hordofan kana keessaa biyyattiif mul’ata miira kakaasu agarsiisan jedhan. hunda caalaa Ameerikaa dursuu isa jedhu calaqqisan jedhan. kaan immoo prezidaantichi waadaa seenan akka raawwatan mulisuu qabu jedhan.

Attamiin akka hojii irra oolchan karoora qabatamaa lafa hin keenye jedhaniiru.

Demokraatichi miseensi mana maree Ruben Kihuen Traamp carraa hojii banuu, seera immigreeshinii sirreessuu fi karoora akkaataa hojii eegumsa fayyaa dhiyeessuu dadhabuun na gaddisiiseera jedhan.

XS
SM
MD
LG