Xurree ittiin seenan

Breaking News

Wixineen Seeraa Haaraan Seenaateroonni US Dhiheessan Qaamota Lammiiwwan Itoophiyaa Irratti Dhiitaa Mirgaa Hamaa Geechisan Irra Qoqqobbin Akka Kaayamu Gaafata

please wait

No media source currently available

0:00 0:05:22 0:00

Humnoonni nagaaha eegumsaa Itophiyaa tarkaanfii gitaa ol ta’e lammiiwwan biyyatti irratti fudhachuudhan namoota dhibban lakkaawwaman ajjeesuu isaanii balaalefffachuudhan seenaataroonii Yunaaytid Isteets lama - paartii Demookiraatii irraa Seenaatar Been Kaardin fi Republikaani irraa Seenaatar Maarkoo Ruubyoo wixinee seeraa haaraa Roobii kaleessaa ifa godhan.

Seenaatar Maaarkon “ Mootummaan Itoophiyaa gama mirga namaa eeguu fi dimookiraasii foyyeessuu irratti jijjiirrama agarsiisuu dhabuuf, dhiitta mirga biyyattiin lammiiwwan ofii irraan gahaa jirtu balaaleffachuun hoomuu caalaa barbaachisaadha,” jedhan.

Wixiineen kaleessa ifa godhame matadureen isaa “ Itoophiyaa keessaatti mirgi nama akka kabajamuu fi bulchiinsi hunda hirmaachisu akka ijaarramu jajjabeessuu,”jedhu, dhumarrattis bara 2005 keessa yeroo pirezdaantiin Ameerikaa duraanii Baarak Obaaman biyyatti dawwatetti, mumichi ministira Itoophiyaa, Obboo Haylamaaram Dassaalany sirna deemookiraasii dagaagsuu, mirga dhala namaa kabajuu fi bulchiinsa gaarii foyyeesuun hojii itti fulleeffatan ta’uu dubbatanis, mootumman isaanii waan jedhe san hojiirra akkain in oolchiine, gama kanaan dadhabbina agarsiisaa jiraachuu yaadachiisa.

Yaada hiikoo lafa godhaman keessaa;

Qamni mootummaa Amerikaa dhimma Itoophiyaa irrati hojjatan hunduu tarsiimoo Itoophiyaa keessatti bulchiinsa gaarii fi demookiraasii deggaru irratti akka xiyyeeffatan gaafatee, pireezdaantiin ameerikaa akka seerri ‘Global Magnitsky Human Rights Accountability Act’ lafa godhee jiru, an mootummootaa fi qaamota dhuunfaa biyya alaa heera biyya isaanii cabsuudhan lamiilee ajjeesan, dararanii fi dhiittaa mirgaa sukkaneessaa geechisan irratti qoqqobbi gita qabu akka hojii irra olchan, gaafata.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG