Xurree ittiin seenan

Breaking News

Dhimmoota Ijoo Pirezdaant Baayiden Haasaa Isaanii Keessatti Kaasan


Pirezidaantiin Yunaaytid Isteets Joo Baayiden haasaha isaanii Isteets oof zee Yuniyen jedhamu yeroo dhiheessan, Guraandhala 7, 2023, Waashingitan Diisii
Pirezidaantiin Yunaaytid Isteets Joo Baayiden haasaha isaanii Isteets oof zee Yuniyen jedhamu yeroo dhiheessan, Guraandhala 7, 2023, Waashingitan Diisii

Prezidaant Baayiden dubbi-himaa qajeelcha seeraa haaraa rippaabilinkaanticha Keevin Maartin baga gammadde jechuudhaan, Naansii Peloosii galateeffachuudhaan, hoogganaa sab-xiqqaa dimookiraatota miseensota mana maree, gurraacha isa jalqabaa fi hoogganoota garee yayyabaa mana-maree murtii seeraa fi hoogganoota sab-siqqaalee jajuudhaan jalqaban. Prezidaantichi eega taayitaa qabatanii as seerawwan deggersa paartiilee lameenii argatan 300 mallatteessuu isaanii dubbatan.

Karoorri dinagdee keenyaa waa’ee bakkawwanii fi namoota irraanfatamaniitti irratti invast gochuu ti. Dinagee keenya waggoota afuriif daddaaqame keessatti namoota baay’ee tu dagatame yokaan akka waan hin mul’anneetti gatame. Tarii kana mana keessaniitti argaa jirtu. Hojiiwwan dhabaman ni yaadattu. Isinii fi ijoolleen keessan ammaa otuu keessaa hin hafiin kallattiin gara fuul-duraatti deemtan ammaa booda jiraachuu isaayyuu ni mamtan. Nan hubadha. Kanaaf jecha kan nuti dinagdee tokkoyyuu boodatti hin hambisne kan ijaaraa jirru. Hojiiwwan deebi’aa jiru. Waggoota lamaan dabraniif filannoo nuti fudhanne irraa kan ka’e waan boonsaan dhufaa jira. Kun Ameerikaa deebisanii ijaaruudhaaf, jireenya keenya jijjiiruudhaaf wixinee karooraa baafanne.

Diinagdee irratti

Prezidaant Baayiden dubbi-himaa qajeelcha seeraa haaraa rippaabilinkaanticha Keevin Maartin baga gammadde jechuudhaan, Naansii Peloosii galateeffachuudhaan, hoogganaa sab-xiqqaa dimookiraatota miseensota mana maree, gurraacha isa jalqabaa fi hoogganoota garee yayyabaa mana-maree murtii seeraa fi hoogganoota sab-siqqaalee jajuudhaan jalqaban. Prezidaantichi eega taayitaa qabatanii as seerawwan deggersa paartiilee lameenii argatan 300 mallatteessuu isaanii dubbatan

Karoorri dinagdee keenyaa waa’ee bakkawwanii fi namoota irraanfatamaniitti irratti invast gochuu ti. Dinagee keenya waggoota afuriif daddaaqame keessatti namoota baay’ee tu dagatame yokaan akka waan hin mul’anneetti gatame. Tarii kana mana keessaniitti argaa jirtu. Hojiiwwan dhabaman ni yaadattu. Isinii fi ijoolleen keessan ammaa otuu keessaa hin hafiin kallattiin gara fuul-duraatti deemtan ammaa booda jiraachuu isaayyuu ni mamtan. Nan hubadha. Kanaaf jecha kan nuti dinagdee tokkoyyuu boodatti hin hambisne kan ijaaraa jirru. Hojiiwwan deebi’aa jiru. Waggoota lamaan dabraniif filannoo nuti fudhanne irraa kan ka’e waan boonsaan dhufaa jira. Kun Ameerikaa deebisanii ijaaruudhaaf, jireenya keenya jijjiiruudhaaf wixinee karooraa baafanne.

Ijaarsawwan Bu'uraalee irratti

Ijaarsawwan bu’uraalee misoomaatiin addunyaa irratti tokkoffaa kan turte Ameerikaan amma kudha sadaffaa irra akka jirtu mufiidhaan ibsanii, akka biyyattii iddoo isheetti deebisuu irratti hojjetan dubbachuun bu’uraalee misoomaa invest irratti godhan yokaan maallaqa itti baasan tarreessanii jiran. Haasaan prezidaantichaa jalqaba irraa eegalee harka walitti-dhahuu how’aaadhaan kan dabaalame ture.

Fayyaa Laalchisee

Waa’ee haala fayyaa lammiwwan isaaniis ennaa dubbatan gatiin dawaalee qaalii tahuun dhiibbaan inni fide, miidhaa maanguddoota irra gahaa jiru, dhukkubsatoonnii sukkaaraa, kaanserii fi kanneen fakkaatanii gatiin gita isaanii ol akka baasan dirqsiisaman akka sirreessamu kan irratti hojjetan tahhu dubbatanii jiran, Baayiden. Miseensonni Mana-marees akka carraaqqii godhan gaafatanii jiran. Bara 2025tti baasiuin dawaadhaaf bahu 2000 akka hin caalle, baatii tokkotti gatiin dawaa dhukkuba sukkaaraa Insuliin jedhamuuf baasamu Doolaara 35 akka hin caalle akka taasisan waadaa seenanii jiran.

Haasaa Pirezdaant Joo Baayideniif Ripablikaanota irraa deebii ka kennan bulchitun Kutaa Arkansas, Saarah Hakabee Saandarsi, "Dimookiraatonni hoogganuutti amanaan, Ripablikaanonni garuu tajaajilutti," jedhanii, yeroo bulchiinsa Baayiden rakkinoota jira jedhan tatteessaniiru. "Qaraxni dabaleera, qaala'iinsi hammaatera, ijoolleen jalaalaa fi walii yaaduu odoo hin ta'in jibbiinsa barachaa jiran," jedhan, Saandarsi.

Haasawa Haala Biyyaa Prezidaant Joo Baayiden dhageessisaniif gama paartii Ripaablikaanii tii deebii ka kennan bulchituun kutaa Arkansaa Saaraa Hakabii Saanders haadha ijoollee sadii tahuu isaanii yaadachiisuu fi waan hunda amanuuf kan isaan rakkisu tahuu dubbachuun haasawa isaanii jalqaban. Mr. Saanders jalqabuma irraa Prezidaant Baayiden fi dimookiraatonni “amanamummaa isaanii nyaatanii jiru” jechuun ka’an. Dimookiraatonni hoogganummaatti kan amanan tahuu fi Rippaabilikaanonni garuu tajaajiluutti kan amanan tahuu dubbatan.

Mootummaan Baayiden dilaala akka baay’ise, gatii meeshaa dabaluu akka hammeesse, suuqileen akka mi’oota malee hafan akka taasise, daa’imman jaalala walii isaanii yokaan kan biyya isaanii otuu hin taane jibbinsaa fi ilaalcha siyaasummaa akka baratan akka taasisamaa jirutti dubbatan.

“Waashingtan kaampaaniilee teknooloojii waliin shiruudhaan bilisummaa keessan hataa jirti,” jechuun himatan – bulchituun Arkansaa kun.

Ofii isaanii Baayiden waliin madaaluun ennaa dubbatan isaan umurii isaanii waggaa afurtamaatti bulchituu baay’ee halfii tahuu isaanii fi Baayiden ammoo umurii waggaa saddeettamaatti hoogganaa biyyaa baay’ee dullacha tahuu eeran. Amma filannoon lammiwwan Ameerikaa bira jiru haala fayya-qabeessaa fi haala jeeqamaa gidduu dhaa akka tahe dubbatan. Hoogganni Ripppaabilikaanii haaaraan filannoo yeroo ammaa akka tahus dubbatanii jiran.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG