Xurree ittiin seenan

Breaking News

Bakka-bu’aan Abbaa Bokkuu Karrayyuu Reebicha Humnoota Mootummaatiin Irratti Raaw’tameen Du’an, Jedhu Maatii fi Jiraattonni  


Bakka-bu’aan Abbaa Bokkuu Karrayyuu Reebicha Humnoota Mootummaatiin Irratti Raaw’tameen Du’an, Jedhu Maatii fi Jiraattonni  
please wait

No media source currently available

0:00 0:06:00 0:00

Bakka-bu’aan Abbaa Bokkuu Karrayyuu Reebicha Humnoota Mootummaatiin Irratti Raaw’tameen Du’an, Jedhu Maatii fi Jiraattonni  

Gobbuu Hawwilee, bakka-bu’aan Abbaa bokkuu Gadaa Karrayyuu sanbata darbe erga humnoota naga-eegumsaa mootummaan reebichi irratti raaw’atamee booda Wixata darbe lubbuun isaanii darbuu miseensi maatii fi jiraattonni VOA’tti himanii jiran. Abbaan Sabbataa, Gobbuu Hawwilee kan ajjeefaman Shawaa Bahaa Aanaa fantallee ganda Xuxxuuxii bakka kaarraa jedhamutti ta’uu kan dubbatan jiraattonni, namootni isaan waliin turan irras reebicha fi miidhaan qaamaa gahuu, isaan keessaa tokko Obbo Boruu Jiillee amma hospitaala Walancitiitti yaalarra jiraachuu dubbatanii jiran.

Dhimma kanarratti angawoota waajjira aanaa fantaallee, kan Godina Shawaa bahaa fi naannoo Oromiyaarraa deebii argachuuf yaaliin deddeebisnee goone hin milkoofne garuu Koomishiniin mirgoota namoomaa Itiyoophiyaa dhimmicha ilaalchisuun raga walitti qabaa akka jiru dubbataa jira.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG