Xurree ittiin seenan

Breaking News

Ijoollee Jabeeffadheen Gara Aartii Deebi'e: Artiist Hawwii Hayiluu 


Keessummaa Qophii Labtaa: Taatoo fi Qindeessituu Fiilmii 
please wait

No media source currently available

0:00 0:06:42 0:00

Maqaa taatoo fiilmii “Eelaa”, irratti kennameef Caaltuudhaan ballinaan beekkamti. Artiisti Hawwii Hayiluu yeroo ammaa kana fiilmii artiist Jimaa Galataa wajjin hojjataniifi oggaa lamaan dura Finfinneetti eebbifame “Lafaaf Lafee” jedhamu hawaasa Oromoo biyya alaa jiru biraan gahaa jirti.

Hojii artiittti ijoollummaadhan seente; gara oggaa 19 dura. Leenjii Biiroo aadaa fi Turizimii Oromiyaatiin kennamu fudhattee yeroo duraatii fiilmii Wiliyaam “Sheekspiir “Oteelloo” keessatti Desdimoonaa taatee hojjate.

Sun ija artiist Abrahaam Jaalataa akka seentu carrraa uumeefii innis fiilmii beekkamaa fi jaalatama - “Eelaa” jedhamu irratti Caaltu taatee akka hojjatu ishii kaadhimate. Saniin boodaka maqaan taatuu “Caaltuu” maaqaa ishiin ittin amma harraatti waammamtu ta’e hafe. Caaltuun sanitti aansitee koomeedii bifa muuziqaatiin hojjataman, artiistota akka Abbaa Lataa, Olii Nagaa faa wajjin hojjatanin beekkamtii caalaa argatte.

Artiist Hawwii Hayiluu fi ijoollee ishii (Suuraa maatii Hawwii irraa argame)
Artiist Hawwii Hayiluu fi ijoollee ishii (Suuraa maatii Hawwii irraa argame)

Achuman immoo eduduutti sagaleen ishii bade. Sabababa iskiriinii irraa dhabamteef laalchisees Hawwin, “Maatii dhaabbadheen ijoollee guddisuuf aartii irraa boqannaa oggaa sadeetii fudhadhe,” jette.

Artiist Hawwii Hayiluuabbaa warraa ishii wajjin (Suuraa maatii Hawwii irraa argame)
Artiist Hawwii Hayiluuabbaa warraa ishii wajjin (Suuraa maatii Hawwii irraa argame)

Amma, fiilmii lafaaf lafee artiisti Jimaa Galataa wajjin oggaa lama dura qopheessan as Yunaaytid Isteets fi Kaanaadaa keessatti agarsiisaa jirti. Fiilmiin Lafaaf Lafee bara 2012 akka lakoofsa Itoophiyaattii Odaa Awaardsiin badhaasa 5 argate. Best Filmii/ Fiilmii Bara Kanaa, Barreeffamaan (‘script wrtiting’), Daayreektara, akkasumas taatoota lama Abaaaboo Warqinaa fi Taamiraat Kabbadaa tu badhaafame.

Artiist Hawwii Hayiluu fiilmii Lafaaf Lafee agarsiisuuf bakka imaltetti (Suuraa Koree filmichaa irraa karaa Hawwii argame)
Artiist Hawwii Hayiluu fiilmii Lafaaf Lafee agarsiisuuf bakka imaltetti (Suuraa Koree filmichaa irraa karaa Hawwii argame)

Karaa biraatiin, hojiin Hawwiin itti hirmatte, Eelaa dabalatee bayyen isaa YuuTiwubii irra jiran. Hojiin artiistota baayyees akkasuma namoota adda addattiin miidiyaa hawaasumaarratti maxxanfaman; beekamtii fi heeyyama isaanii malee. Hawwin kana eenyu maalif akka godhu waan beekanakkka in jirre ibsite. Funduraaf garuu, artiist Jimaa wajjin muxannoo isaa argatanii gara ofii hawaasa biraan gahuu yaaluu akka itti yaadaa jiran dubbatte.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG