Xurree ittiin seenan

Breaking News

Yaala Dhukkuba Xannacha Gadameessaa Hospitaala Riferaalaa Yunivarsitii Wallaggaatti Taasisamaa Jiru


Yaala Dhukkuba Xannacha Gadameessaa Hospitaala Riferaalaa Yunivarsitii Wallaggaatti Taasisamaa Jiru
please wait

No media source currently available

0:00 0:05:45 0:00

Yaala Dhukkuba Xannacha Gadameessaa Hospitaala Riferaalaa Yunivarsitii Wallaggaatti Taasisamaa Jiru

Dubartootni hedduun mallattoo tokkoollee osoon agarsiisin dhibee xannacha gadameessaatiif saaxilamuu waan danda'aniif dursanii of eeggachuufi yaalamuun baay’ee barbaachisaa tahuu Ispeeshaalistiin Yaalii ulfaafi gadameessaa Doktor Tamasgeen Xilaahun hubachiisanii jiran.

Doktor Tamasgeen Sadarkaa Pireezidaantii itti aanaa Yunivarsiitii Wallaggaatti fi hojigeggeessaa olaanaa Hospitaala Rifaraala Yunivarsiitii Wallaggaafi Itti gaafatamaa Kolleejjii Fayyaa Yunivarsiitii Wallaggaati.

Torbanoota muraasa dura, gareen fayyaa Yaalii ulfaafi gadameessaa hospitaalichaa, dubartii waggaa 22 irraa xannacha upfaatina 18Kg qabu yaala baqaqsanii hodhuun baasuu kan ibsan Dr Tamasgeen, muuxannoo hojii yaalaa kana irratti wanneen isaan mudatatanis Sagalee Ameerikaatti himanii jiru.

Forum

XS
SM
MD
LG