Xurree ittiin seenan

Breaking News

Jiraattonni Naannoo Bosona Yaayyoo Bosonicha Dhaloota Hedduuf Kunuunsinus Faayidaa Irraa Hin Arganne Jedhu


Jiraattonni Naannoo Bosona Yaayyoo Bosonicha Dhaloota Hedduuf Kunuunsinus Faayidaa Irraa Hin Arganne Jedhu
please wait

No media source currently available

0:00 0:06:02 0:00

Jiraattonni Naannoo Bosona Yaayyoo Bosonicha Dhaloota Hedduuf Kunuunsinus Faayidaa Irraa Hin Arganne Jedhu

Jiraattonni Naannoo Bosona Yaayyoo, bosonicha dhaloota hedduuf kunuunsinus faayidaa nuuf malu irraa argataa hin jirru jedhu. Obbo Rashiid Abdallaa jiraataa fi bulchaan Ganda Bosonni Yaayyoo irra buufatee jiru, hawaasni dharraa lafaa hedduu qabaatus madaallii eegumsa naannoof jecha bosonicha haga dandaye tiksaa jiraachuu dubbatanii fedhiin lafaa garuu amma bosona kanarraan miidhaa gahuu mala soda jedhu dubbatanii jiran.

Obbo Isheetuu Mangashaa, Ogeessi Bosonaa eegumsa naannoo kan aanaa Yaayyoo, bosona kanarraa hawaasni faayidaa malu argachuu baannaan, gara fuul-duraatti eegumsa taasisuun rakkisaa ta’uu danda’a jedhanii jiran. Obbo Gennenee Hailee, angawaan Dhaabbata Bosonaa fi Bineensa Bosonaa Oromiyaa ammoo, bosonni Oromiyaa gama faalama qilleensaaf bu’aa inni buusaa jirurraa karaa walii galtee idla addunyaa kaffaltiin argamuu jalqabuu fi barana walii galtee maallaqa doolaara miiliyoona afurtamaa kan Baankii addunyaa waliin taasifameen hawaasa naannoo Bosona Yaayyoo dabalatee kaanis fayyadamoo ta’uuf jiru jedhanii jiru.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG