Xurree ittiin seenan

Breaking News

Dhaabbanni Ombudsman Itoophiyaa Paarlaamaan Haala Hongee fi Beela Naannoo Tigraay Ilaalchisee Odeeffannoo Mirkanaa’e Akka Kennu Gaafate


Dhaabbanni Ombursman Itoophiyaa Paarlaamaan Haala Hongee fi Beela Naannoo Tigraay Ilaalchisee Odeeffannoo Mirkanaa’e Akka Kennu Gaafate
Dhaabbanni Ombursman Itoophiyaa Paarlaamaan Haala Hongee fi Beela Naannoo Tigraay Ilaalchisee Odeeffannoo Mirkanaa’e Akka Kennu Gaafate

Dhaabbatichi gabaasa kaleessa baaseen, hongee dhaan wal qabatee namoonni 351 du’uun mirkanaa’uu isaa ibsee jira. Naannoo Amaaraa keessaa namoonni digdama ta’an du’uu gabaasee jira. Dhaabbatichaaf itti gaafatamaa kan ta’an obbo Indaalee Haayilee VOAf akka ibsanitti, waajjirri isaanii naannolee kana lamaan keessa haala jiru gad fageenyaan gamaaggameera jedhan.

Aanaalee Tigraay lama keessaa namoonni 15,000 ta’an qe’ee isaanii irraa buqqa’uu isaanii fi barattoonni kumaan laka’aman immoo barnoota irraa adda citanii akka jiran gabaasichi ni mul’isa. Itti gaafatamaan dhaabbata kanaa akka jedhanitti, miseensonni paarlaamaa raga mirkanaa’aan akka dhiyaatu akka gaafataniif waamicha dhiyeessaniiru. Sababiin isaas gad fageenya, hamaa ta’uu fi dhibbaa hongee kanaa ilaalchisee angawoota Federaalaa fi kan Naannoo gidduu adda addummaatu jira jedhan.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG