Xurree ittiin seenan

Breaking News

Israa'el Haleellaa Qilleensa Irraan Gaazaa Irratti Raawwatte


Israa'el Haleellaa Qilleensa Gaazaa Irratti Raawwatte Amajjii. 31, 2024.
Israa'el Haleellaa Qilleensa Gaazaa Irratti Raawwatte Amajjii. 31, 2024.

Dugdee Gaazaa keessatti lola dhaabiinsi haaraan tolfamuuf dhiibbaan sadarkaa addunyaa taasisamaa ennaa jiru kanatti loltoonni Israa’el Roobii har’aa Gaazaa kaabaa fi kibbaa irratti qilleensa irraan haleellaa raawwatan.

Haleellaan Israa’el magaalaa Gaazaa kan dabalate yoo ta’u, loltoonni isaa haleellaa lafoo raawwataniin hidhattoota 15 ajjeesuu isaa waraanni biyyattii ibsee jira. Gaazaa gama kibbaaf magaalaa guddoo kan taate Kahaan Yuunis keessatti haleellaa qilleensa irraa hedduu dabalatee lolli hamaan geggeessamu kanneen ijaan argan dubbataniiru.

Hoogganaan Hamaas Ismaa’il Haaniyeeh dhimmi dhukaasa dhaabinsaa irratti mari’achuuf gara Kaayirootti imalu jedhamee eegamaa kan ture yoo ta’u, Imalli kunis lola Gaazaa keessatti geggeessamaa jiru dhaabuu akkasumas iggitamtoota Hamaasiin qabamanii jiran gad dhiisiisuu irratti fuuleffata.

Hamaas karoora walii galtee dhukaasa dhaabiinsaa qorachaa akka jiru ibsuu dhaan, hidhattoonni dhaabbataan dhukaasa dhaabuu fi loltoonni Israa’el Gaazaa keessaa akka ba’an gaaffii garee isaanii yeroodheeraa ta’uu cimsanii dubbataniiru.

Itti dabaluu dhaanis Hamaas kan haleellaa Onkoloolessa 7 namoota 1200 galaafatee deebii Israa’el kenniteen barbadaa’e Gaazaa deebisee ijaaruu akka barbaadu ibsaniiru. Hamaas uggurri Israa’el Gaazaa irra keessa kan waggoota dheeraa ka’ee lammiiwwan Faalisxiin Israa’el keessatti hidhamanii jiran akka gad dhiisaman ka barbaadu ta’uu ibsanii jiran.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:57 0:00
More
XS
SM
MD
LG