Xurree ittiin seenan

Breaking News

Namoonni Miliyoona Saddeet Sudaan Keessaa Qe'ee Isaanii Irraa Buqqa'an:Tokkummaa Mootummootaa


Namoonni Miliyoona Saddeet Sudaan Keessaa Qe'ee Isaanii Irraa Buqqa'an:Tokkummaa Mootummootaa
Namoonni Miliyoona Saddeet Sudaan Keessaa Qe'ee Isaanii Irraa Buqqa'an:Tokkummaa Mootummootaa

Kan Etiyoophiyaa daawwatan Tokkummaa mootummootaatti komiishinera dhimmootii baqattootaa kan ta’an Filiippoo Giraandii, kanneen qe’ee ofii irraa buqa’an fedhii isaanii guutuuf deggersa hatattamaaf itti dabalaa akka taasisamuuf gaafataniiru. Jarmayaan isaniis ibsa baaseen lakkoobsa kana ifa taasiseera.

Ajajaa waraanaa Sudaan Abdel Fettaah Al Burhaanii fi itti aanaa isaanii duraanii ajajaa human addaa kan RSF Mohaammed Hamdaan Dagaaloo gidduutti walitti bu’iinsi kan uumame walakkeessa baatii Ebla waggaa darbee ture.

Hookkara kana dhaabsisuuf tattaaffiin diplomaasummaa hin milkaa’in kan hafe yoo ta’u, walii galteen lola dhaabiinsaa hedduunis cabee jira.

Walitti bu’iinsa suukaneessaa kanaan uummati miliyoona saddeetitti hedamu biyya ofii keessatti qe’ee ofii irraa buqqa’eera ykn gara biyya ka birootti akka godaantu ta’eera jechuu dhaan Tokkummaan Mootummootaa beeksiseera. Graandiin ibsa kennaniin akka jedhanitti hiriyaa, maatii, mana jireenyaa dhabuu fi seenaa gaddisiisaa jireenya namaa irra ga’e dhaga’eera.

Lammiiwwan Sudaan 1000,000 ol biyyootii hollaa baqattoonni keessa dahatan keessaa tokko kan taate gara Itiyoophiyaatti baqataniiru. Erga lolli kun jalqabee qabee hanga turban darbeetti namoonni gara Chaaditti baqatan 5000,000 ol yoo ta’an guyyaatti kanneen 1,500 ta’an immoo gara Sudaan Kibbaatti akka baqatan ibsi Tokkummaa Mootummootaa kun eereera.

Deggersi arjoomtotaa itti dabalaa yoo hin jiraanne, gargaarsa kanneen akkaan barbaadaniin ga’uun akkaan rakkisaa ta’a jechuu dhaan Giraandiin ibsaniiru. Akka galmee projektii naannoo hookkarri itti geggeessamu lafa kaa’etti, Wal waraansa Sudaaniin yoo xiqqaate namoonni 13.000 ajjeefamaniiru. Naannoo manneen jireenyaatti uttu adda hin basin dhukaasuu dararaa fi namoota nagaa walitti qabanii hiduu dabalatee gareen lamaan yakka waraanaa raawwatan jedhamuun himatamaniiru.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG