Xurree ittiin seenan

Breaking News

Atileetiin Keeniyaa Addunyaarratti Beekamu Kelvin Kiptum fi Leenjisaa Isaa Waliin Balaa Konkolaataatiin Lubbuu Dhabe


Atleetiin Keeniyaa Beekamaan Kelvin Kiptum Du'aan boqote
Atleetiin Keeniyaa Beekamaan Kelvin Kiptum Du'aan boqote

Atileettin lammii Keeniyaa doorgoomii maraatooniittin Rikardii addunyaa maqaa isaattin qabu Kelvin Kiptum fi leenjisaan isaa Gervais Hakizimana dilbata kaleessaa bakka Eldoret jedhamutti balaa konkolaataa muddateen lubbuun darbuu poolisiin Keeniyaa beeksisee.

Atileetiin lammii Keeniyaa ganna 24 kun konkolaataa Toyota Premio oofaa turee fi leenjisaan isaa bakka balaan kun itti dhaqqabeetti du'uu isaanii Ajajaan Poolisii kutaa bulchisaa Elgeyo Marakwet Peter Mulinge dubbataniruu jeechuun CNN gabaaseeraa.

Namni sadaffaan konkolaaticha keessa ture midhamni cimaan irra ga'uu isaafi ammatti lubbuun jiraachhus barameeraa.

Atileetii Kelvin kiptum konkolaaticha oofaa kan turee yoota’uu ''To'annaa dhabuun, karaa irraa maqee, boolla meetira 60 fagaatutti seenuu isaafii muukaa guddaa tookkotii bu’uun beekameeraa.

Kiptum rikkordiin addunyaa sa’aa 2:00:35 bara darbe Onkoloolessa keessa Maraatoonii Chikaagoo irratti galmeessisuun guyyoota muraasa dura immoo rikkordiin kun Atileetiksii Addunyaatiin raggaasifameera.

Atileettin kun yerroo dhihoo keessaatti figicha gabaabaa irraa gara dheeraattii dhufuun rikkordii maaraatoonii haaraa galmeesiisuun isaa gara fulduraattis atileetoota sa’aa 2 gaddii figuu danda’an keessaa adda

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG