Xurree ittiin seenan

Breaking News

Oromiyaa Godinaa Gujii Keessatti Sirni Baallii Fuudhuu Geggeeffamee Abbaan Gadaa Haaraan Muudamanii Jiru     


Oromiyaa Godinaa Gujii Keessatti Sirni Baallii Fuudhuu Geggeeffamee Abbaan Gadaa Haaraan Muudamanii Jiru 
Oromiyaa Godinaa Gujii Keessatti Sirni Baallii Fuudhuu Geggeeffamee Abbaan Gadaa Haaraan Muudamanii Jiru 

Sirni Baalii wal harkaa fuudhiinsaa Gadaa Gujii Me’ee Bokkootti gaggeeffamaa ture harra xumuramee jira. Sirna guyyoota jahan darbaniin Ardaa Jilaa gadaa Gujii Me’ee bokkootti gaggeeffamaa tureen Abbaan Gadaa, Gadaa Harmuufaa Jiloo Mandh’oo, Abbaa Gadaa Roobalee kan tahan Jaarsoo Dhugoof baallii dabarsanii jiran.

Obbo Ashennaafii Dhanquu, Itti gaafatamaan waajjira Koomunikeeshinii Godina Gujii, sirna kanarratti biyyoota ollaa akka Keeniyaa, Somaalilaand fi kaanirraa akkasumas Naannolee Itiyoophiyaarraa bakka bu’oonni irratti hirmaachuu eeranii, jiraattonni godinaalee Oromiyaa miiliyoonotatti tilmaamamu jedhani’illee sirna baallii Gujii kanarratti qooda fudhchuu VOA’f himaniiru.

Sirni kun rakkoo nagaa malees xumuramuu Obbo Ashennaafiin dubbatanii jiran. Gadaa Roobaleen baallii kan fudhatan Abbaan Gadaa Jaarsoo dhugoo waggoota saddeettan dhufaniif Alangee bulchiinsa Gadaa kan harkatti qabatan ta’a.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG