Naannoo Oromiyaa godina Wallagga Bahaatti dhabamuu nageenyaan namoota buqqaasaman kuma 350 ol tahan keessaa kuma 220 ol qe’eesaaniitti deebisamaniiru jechuun Buusaa Gonofaan godinichaa beeksise. Kanumaan wal qabatee, Godina Wallagga Bahaa keessaa gara Naannoo Amaaraa magaalaa Dabra Birhaanitti buqqa’anii turuu isaaniifi amma ammoo deebisamuu isaanii kanneen ibsan namonin muraasni, “gargaarsi taasisamu gahaa miti, yaaddoo nageenyaas qabna” jechuun komatu.
Buusaa Gonofaa godinichaa gama isaatiin “hanqina gargaarsaa deemsaan furra erge jedhan booda, bakka yaaddoon nageenyaa jirutti buqqaatotaaf eegumsi ni taasisama, yeroo haalli nageenyaa fooyya’u ammoo qe’eesaaniitti deebisamu“jechuun ibseera.
Forum