Xurree ittiin seenan

Breaking News

Namoonni 271 Kanneen To’annaa Faannoo Jala Guyyoota Digdamaa Oliif Turan Birrii Miiliyoona Ja’a Kaffaluun Gad Dhiisifaman


FAAYILII - Magaala Baahir Daar, Naannoo Amaaraa
FAAYILII - Magaala Baahir Daar, Naannoo Amaaraa

Namoonni hojii bosona ciruu bakka hidhaan laga Abbayyaa itti Gaggeeffamu Beenishaangulitti imalaa turan guyyoota 25 dur humnoota Faannootiin Goojjam bahaatti to’annaa jala oolfaman birrii miliiyoona ja’a kaffaluun har’a gadhiifamuu isaanii dhaabbani Konistiraakshinii Niikootikaa beeksiise.

Guyyoota 25 dura dargaggoonni 271 hojii lafa bosonaa ququlleessuu bakka hidhaan laga Abbayyaa itti gaggeeffamu gara naannoo Beenishangulitti naannoo Kibbaa Daraasheerraa ka’uun osoo imalaa jiranii humnoota hidhatanii socho’an Faannoodhaan gaafa Onkololeessa 18 bara 2016 Godina Goojjam Bahaa keessatti uukkamfaman har’a gadhiifamuu isaanii dhaabbata Konistiraakshinii Nitoonikaatti hoogganaa Pirojeektii kan ta’an Obbo Muluugeetaa Allenee Sagalee Ameerikaatti himaniiru.

Namoota Ukkaamfan kanneen gadhiisiisuuf kanaan dura birrii miiliyoona Afur kaffaluu himanii amma immoo birrii miiliyoona lama kaffallee har’a gadhiifamaniiru jedhaniiru. Goojjaamitti dubbii himaa Faannoo ta’uu isaanii kan himan Maarisheet Tsahaay sagalee Ameerikaa Afaan Amaariffaaf yaada kennaniin namoota to’annaa isanii jala turan gadhiisuuf maallaqa fudhanne hin qabnu jedhaniiru. Namoonni to’annoo jalaa gadhiifaman kunneen bakka irraa Gardellaa fi gara godina Alleetti deebi’us jedhaniiru.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG