Xurree ittiin seenan

Breaking News

Biyyii Tarkii Israa'el Irraati Murtoo Qoqqobbii Daldalaa Taasiftee Jirti


FAAYILII - Pirezdaantii Turkiyyee Xayiip Erdoogan, Bitootessa 8, 2024
FAAYILII - Pirezdaantii Turkiyyee Xayiip Erdoogan, Bitootessa 8, 2024

Biyyi Tarkii Israa’el irratti murtoo qoqqobbi daldalaa dabarsitee jirti. Murtoon Qoqqobbi daldalaa Tarkiin Israa’el Irratti dabarsitee kun waan 54 irratti kan xiyeeffatee yemuu ta’u, isaan keessaa Siibiila, Siminittoo, boba’aa Xiyyaaraa fi xaa’oon gara Isaraa’elti erguu kan dhorku kan ofkeessaa qabuu akka ta’e ibsameera.

Tarkiin tarkaanfii kana kan fudhatee, gargaarsa namoomaa jiraattoota Gaazaatiif qileensa irraan kennuudhaaf gaaffii dhiheesitee erga Israa’el hin ta’u jettee booda akka ta’e gabaasameera.

Ministirrii dhimmaa alaa Israa’el , Israa’el Kaatiiz tarkaanfii Tarkii kanaaf waan deebii walgitaa ta’e Tarkii irratti fudhachuu akka danda’an ibsanii biyyi isaanii hokkooraa fi saamiochaa irratti deebii akka hin kennine ibsaniiru.

Haalumaa walqabateen mariin dhukaasa dhaabuu bakka bu’oonni Yunaayitid Isteets, Israa’el, Hamaasii fi Kaataar biyyaa Masr magaala Kaayiroo keessati taasisaa jiran yemmuu itti fufee jiru kanatti, gareen hamaas yaada akkaataa dhukaasa dhaabuu isa xumuraa dhiheesuudhaaf akk qophaawaa jiru gabaasameera.

Marii Kaayiroo keessatti taasifamaa jiru irraati gabaasa guutuu argachuu isaanii kan ibsan muummichi ministeraa Israa’eel Beenjaamiin Nataniyaahuu, namoottan umnaan butamanii too’annoo Hamaas jala jiran hiiksisuudhaa fi, lolichaa injifannoodhaan xumuuruuf hojjachaa akka jiran dubbataniiru. Karoora isaanii keessaas Raafaa keessaa seenudhaan garee isaan “Shororkeesaa” jedhanii waaman bardadeesuun isa tokko akka ta’e himanii, “ kunis ni ta’a” jechuudhjaan dhaadataniiru Nateniyaahuun.

Yunaayitid Isteets dhaadannaa Nataniyaahuu kanaaf battalatti deebii laattee jirti. Dubii himtuum ministeeraa Itisaa Yunaayitid Istees ykn Peenntagoon Sabiriinaa Siin dhimma kana irratti ibsa kennaniin, akkaa lola Raafaa keessatti taasifamuu hin deggere ifa goonee beeksifneeraa jedhaniiru.

Dhimmaa lola Raafaa irratti marii taasisuudhaaf haanga’onni Israa’el gara masaraa Waayiti Haawusitti imaluudhaaf akka karoorfatan gabaasameera.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG