Xurree ittiin seenan

Breaking News

Balaliin Xayyaaraa Sadarkaa Addunyaa Gara Moqdishootti Karoorfamee Ture Sodaa Nageenyaan Haqame


FAAYILII -Buufata xayyaaraa addunyaa Aden Addee, Moqaadishoo, Somaaliyaa, AGuraandhala 13, 2022.
FAAYILII -Buufata xayyaaraa addunyaa Aden Addee, Moqaadishoo, Somaaliyaa, AGuraandhala 13, 2022.

Yunaayitid Isteetis haleellaan dhaqqabuu mala jechuun erga akeekkachiistee booda kibxata har’aa balaliin gara Moqadishootti taasisamu lama hafee jira. Buufata xayyaaa addunyaa Aden Addetti kanneen balal’ian balalii ijoo gara Moqadishootti balal’ian keessaa daandii balalii Turkii fi kan Itiyoophiyaa ti.

Angawoonni hangi tokko akka jedhanitti balaliin kun hafuun of eeggannoo nageenyaaf jecha. Hojjettoonni daandii balalii Turkii fi Itiyoophiyaa kanneen maqaan isaanii akka hin tuqamne gaafatan balaliin kun hafuu isaa mirkaneessaniiru. Embasiin Yunaayitid Isteetis kan Naayiroobii jiru akka jedhetti waa’ee Moqaadishoo bakka adda addaatti balaan mudachuu maluu odeeffannoon isa dhaqqabee jira.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG