Xurree ittiin seenan

Breaking News

Malli Muummichi Ministeeraa Israa’el Waraana Hamaas Ilaalchisee Hordofan Dogoggora Jedhan, Prezidaant Joo Baayiden


Prezidaantiin Yunaayitid Isteetis Joo Baayiden
Prezidaantiin Yunaayitid Isteetis Joo Baayiden

Prezidaantiin Yunaayitid Isteetis Joo Baayiden gaaffii fi deebii Kibxata galgala qilleensa irra oole irratti akka dubbatanitti, Mala Israa’el waraana garee hidhattoota Hamas irratti geggeessuuf hordofte irratti muummicha ministeera biyyattii Benjamiin Natanyaahuu waliin walii hin galle, akkasumas Israa’el gargaarsi namoomaa akka dhaqqabu haala mijeessuuf lola dhaabatu waamicha gochuu qabdi jedhan.

Caasaan Televiziyoona afaan Ispaanishii “Univision” jedhamu Joo Baayiden waliin gaaffii fi deebii kan geggeesse Ebla 3 jechuun erga Israa’el hojjettoota garee gargaarsaa “World Cenral Kitchen” jedhamu kan Gaazaa keessa irratti haleellaa geggeessuun miseensota isaa torba ajjeestee guyyaa lama booda.

Baayiden ummata Gaazaaf nyaataa fi gargaarsa yaalaa kennuu dhiisuuf sababni akka hin jirre, tattaaffiin sun amma hojii irra ooluu qaba jedhan.

Wanti ani gaafadhu jedhan Baayiden warreen Israa’el dhukaasi akka dhaabatu waamicha akka taasisan qofa, torban ja’a ykn saddet itti aanan keessa waliigalaatti nyaataa fi qoricha gara biyyattii seenu, jedhan.

Baayiden akka jedhanitti Sa'udii irraa kaasee hanga Joordaan achiis hanga Masrii-tti hunda waliin haasa'eera. Martinuu gargaarsaaf qophaa'aniiru.

Waayit Haawus torban darbe Baayiden bilbilaan Netaaniyaahuu waliin yeroo haasa’an qabxii wal fakkaatu kaasuun haalli rakkoo namoomaa Gaazaa fudhatama hin qabu jechuun cimsanii dubbataniiru.

Yunaayitid Isteetis-s Hamaas waliigaltee dhukaasa dhaabuu Israa’el waliin taasifame kan lola Gaazaa keessatti torban jahaaf dhaabuu jedhu akka simatu dhiibbaa gochaa jirti.

Ministirri Dhimma Alaa Yunaayitid Isteetis Antonii Bliinken Kibxata darbe Waashingitanitti gaazexeessitootaaf akka himanitti, yaada baay’ee cimaa Kaayirootti Hamaasiif dhiyaate waan ta’eef fudhatama argachuu qaba jedhan.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG