Xurree ittiin seenan

Breaking News

Ajjeechaan Aangawaa Siyaasaa ABO, Battee Urgeessaarratti Raaw’atame Akka Loogii Malee Qaama Walabaan Qoratamu Gaafatame  


Ajjeechaan Aangawaa Siyaasaa ABO, Battee Urgeessaarratti Raaw’atame Akka Loogii Malee Qaama Walabaan Qoratamu Gaafatame  
please wait

No media source currently available

0:00 0:06:11 0:00

Angawaan Siyaasaa Olaanaa Adda Bilisummaa Oromoo Obbo Battee Urgeessaa kaleessa magaalaa Maqiitti ajjeefamanii reeffi isaanii argamuu maatiin VOA’f himanii jiran. Obboleessi Obbo Battee VOA’f ibsa kenneen, obboleessi isaa, Batteen, kaleessa halkan walakkaa bakka ciisicha siree isaaniitii qaama ‘humnoota mootummaa ti’ jehanii shakkaniin baasamanii baha magaalaa Maqirratti dhukaasa itti dhukaafameen ajjeefamanii reeffi isaanii argame, jedhan. Obbo Dilboo Urgeessaa, kantiibaan magaalaa Maqii gama isaaniin ajjeechaan kun raaw’atamuu mirkaneessanii eenyummaa qaama ajjeechaa sana raaw’atee adda-baafachuuf qaamoleen nageenyaa qorataa jiru, jedhan. Koomishiniin mirgoota namoomaa Itiyoophiyaa fi Addi Bilisummaa Oromoo dhimmichi hatattamaan qorannaan loogii hin qabne qaama walabaan geggeeffamu gaafataa jiruu, Galmoo Daawit gabaasaa dabalataa qaba.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG