Xurree ittiin seenan

Breaking News

Gareen Juuntaa Maalii Bulchaa Jiru Sochiin Paartiilee Siyaasaayaa Kamiyyuu Hanga Garee Kanaan Beeksiisni Ba’utti Akka Dhaabatu Labse


FAAYILII - Magaala Bamakoo, Maalii, Hagayya 9, 2018.
FAAYILII - Magaala Bamakoo, Maalii, Hagayya 9, 2018.

Roobii kaleessa galgala ibsa dubbii himaan mootummaa juuntaa isa foqolcha mootummaan aangoo qabateeru , Abdullaayii Maayigaa televizhiyoonaa mootummaan hhooganuum dubbisaniin murtoon kuni kana barabaachise sirna uummataa eeguun barbaachisaa ta’uu kaasuun tarkaanfiin kun bara darbe filannoon biyyattii yeroo hin murtoofneef addaan kutuuf kenname hordofee kan fudhatame jedhan.

Maaliin bara 2020 irraa kaastee tasgabbii siyaasaa kan dhabde yommuu ta’u Fonqolcha mootummaa yeroo lama taasifteetti. Maaliin waggoota Kudhanii oliif fincila garee warra Jihaadistii kanneen Alqaayidaa waliin hidhata qabu jedhamaniin tasgabbii dhabdeettu bara 2021 tti gareen Koloneel Asiimi Goyitaa kan fonqolcha mootummaa yeroo lammaffaa taasise filannoo biyyaaleessaa ji’a Guraandhala bara 2024 tti taasifamuuf ture qophii ga’aa taasiisuun nurra jiraata jechuun Ji’a Fulbaanaa bara 2023 keessa yeroo hin beekamneef dheeresse ,ammammoo biyyattii keessatti yeroo hin beekamneef sochiin siyaasaa kamaiyyuu akka hin taasifamne dhorkuusaa kan labse.

Garee finciltoota Jihaadistii ofirraa qolachuuf Maaliin kanaan garee nagaa eegsiiftoota Faraansaay irratti kan hirkatte yommuu ta’u bu’aan fidan dhabamuun mufannaa guddaa waan kaaseef mootummaan fonqolchaan aangoo qabateeru loltoonni Faraansaay Ji’a hagayyaa bara 2022 biyyicha gdhiisanii akka ba’an erga ajajeen booda, bakka isaanii garee loltoota Raashiyaa kan kontiraataan hojjetan akka gargaaran taasise.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG